1Waan guyyaan fidu waan hin beenneef
waan boru ta'uun hin dhaadatin.
2Namni si haa jajuu malee ati ufii uf hin jajin;
namni biraa si haa jajuu malee afaan keetiin uf hin jajin.
3Dhagaan hin ulfaata; xidhachillee ba'a'a;
tuttuqqiin gowwa'aa garuu kanniin caalaa ulfaata.
4Aariin garjabeenna; lolli akka lola'aati;
garuu eentu hinaaffaa afoo dhaabatuu danda'a?
5Jaalala dhossa'aa caalaa;
dheekkamsa mudhate woyya.
6Dhungoo diinni deddeebi'ee dhungatu caalaa;
madeessaa jaalallo'ootitu amanama.
7Ka quufetti dammi hin mi'aayu;
ka beelayetti garuu hadhaayaanuu hin mi'aaya.
8Namni mana ufiitii bayee yaantaru
akka simbira maandhee ufiitii baatee yaantartuuti.
9Urgooftuunii fi hixaanni nama gammachiisan;
gammachiisuun jaalallo'oollee
gorsa isaa qajeelaa irraa dhufa.
10Jaalalloo keetii fi jaalalloo abbeetii hin dhiisin;
hennaa rakkoon si irra gayu gara mana obboleessa keetii hin dhaqin;
obboleessa fagoo jiruu mannaa ollaa dhiyoo jiru woyya.
11Ilma kiyya! ogeessa ta'i; garaa na gammachiisi;
worra na tuffatan maraafuu akka deebii kennuu danda'u.
12Namni uf eeggatu balaa argee dhokata;
ka hubannaan hanqateef garuu dhaqee itti miidhama.
13Nama nama hin beekkamneef wobii ta'e irraa qabdii fudhadhu;
haga waan namni hin beekkamne sun fudhate deebisutti
uffata san qabadhu.
14Namni uduu hin bariine laagaa ufii ol qabatee hiriyyaa ufii eebbise;
akka waan hiriyyaa ufii bararraasseetitti laallama.
15Haati manaa nyakkiftuun
akka kishisha roobaa ka hin caamneeti.
16Isii ittisu'uuf badaduun,
akka waan qilleensa ittisu'uu yookaan
akka nama dhadhaa baqe cum'uuti.
17Akkuma sibiilli sibiila qaru,
namnillee akkasuma nama biraa qara.
18Ka muka hurbu'uu kunuunsu daraaraa isi'ii nyaata;
ka gooftaa ufiitii hojjatu ulfinna argata.
19Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu
yaanni namaallee eennummaa namaa mudhisa.
20Akkuma huleen worri du'e jiruu fi asaabni hin quufne;
ijji namaallee laaltee hin quuftu.
21Akkuma meeti'ii fi worqiin ibiddaan qoramu;
akkasuma namnillee galata fudhatuun qorama.
22Gowwaa akka midhaanii yoo mooyye'etti tumtellee;
gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu.
23Hoolota tee haala kamiin keessa akka jiran sirri'itti beeki;
gobbuu keellee kunuunsi.
24Durummaan bara haga bara baraa waan hin jiraanneef;
gulloonillee dhalootaa gara dhalootaa hin darbu.
25Hennaa margi gogaan badee haarofni biqilu;
margi tulloota irra jiru wolitti qabamee hennaa dhufu;
26korbeeyyii hoolotaa irraa uffata argatta;
re'iinillee waan lafa qonnaa ittiin bitattu sii ta'an.
27Aannan re'e'ee ka sii fi maatii keetiif ta'u;
ka ollaa keetiifillee gayu qabaatta.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.