Kitaaba Iyyoobii 27 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Iyyoobii

1Iyyoob ammallee akkana jedhee dubbate,

2«Rabbii jiraataa murtii na dhooggate!

Waandhi jiraataan waa maraa danda'u jireenna na hadheesse.

3Hafuurri kiyya na keessa,

Hafuurri Rabbiillee uduu na keessa jiru,

4afaan kiyya keessaa hamaan hin bayu;

arrabni kiyya soba hin dubbatu.

5Waan isin dubbattan maraa dhuga'a jedhee sirima hin fudhadhu;

haga gaafa du'uutitti qajeellumma'aan jabaachuu kiyya hin dhiisu.

6«Ani dhugaa tiyyaan jabaadha;

bara jireenna kiyyaa maraa keessi kiyya kanaan na hin himatu.

7«Diintota tiyya akka cubbamtootaatitti;

worra na mormanillee akka hammeeyyi'iititti isaanitti haa murtaayu.

8Hennaa Rabbi lubbuu isaanii baasu'uun umurii isaanii gabaabse;

namoonni Rabbiin waakkatan abdii maal qaban?

9Dhugamaan hennaa rakkoon dhufe

Rabbi iyya isaa hin dhagayaa?

10Waaqa waa maraa danda'uun hin gammadaa?

Rabbiin hennaa maraa hin waamataa?

11«Ani hunni Rabbii hagam guddaa akka ta'e isin barsiisa;

waan Waaqa waa maraa danda'u bira jiru hin dhossu.

12Kunoo isin maruu argitaniirtanii;

maaf waan duwwaa kana dubbattan ree?»

13«Kunoo Waandhi maraa danda'u;

nama hama'aa fi dharticha akkanatti adaba.

14Ijoolleen isaa yoo baay'atan lolatu fixa;

fiixaan isaa midhaan dhabanii beelayan;

15Worri kana irraa hafan dhukkubaan dhuman;

haawwotiin hiyyeessaa tammaan isaaniituu isaanii hin booyan.

16Inni birrii akka biyye'ee tuuluu,

uffatallee akka dhoqqe'ee wolitti guuruu hin danda'a.

17Garuu uffata namni hamaan wolitti qabe qajeela'atu uffata;

birrii inni tuulatellee qulqullootatu qoodama.

18Manni inni ijaaru mana akka mana daarabaaftu'uutii fi

akka goom'ee midhaan eegu'uuf ijaaraniititti diiggama.

19Namni hamaan qabeenna tuulatee haga dhumaa rafa;

yoo dammaqu garuu qabeenni isaa maruu badeera.

20Naasuun akka haro'ootitti dimmaa isa irra gara gala;

halkaniin bubbeen isa fudhatti.

21Qilleensi baya biiftu'uu mana isaa keessaa,

haxaayee isa baasa.

22Dheessee jalaa bayu'uuf yoo badadellee,

qilleensi itti cima; jalaa bayuu hin danda'u.

23Namni harka itti dhaya;

fiiqu'uun hule'ee isa baasan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help