1Qachaan dur namni keessa guutee ture
attamitti hojja hafte!
ta banii jiddu'utti guddoo turte
attamitti akka dubartii abbaa manaa ajjeefattee taate!
ta godinoota keessattillee mootittii turte
amma garbittii taateerti.
2Isiin halkaniin guddiftee bootti;
imimmaan isi'ii boqoo isi'ii irra yaa'a;
worra isii jaalatan maraa keessaa
ka isii jajjabeessu hin jiru;
jaalalloon isi'ii maruu isii gananii
akka diinaatitti isi'itti ka'aniiran.
3Baay'inna rakko'ootiin dhiitamtee
Yihuuda'aan booji'amtee deemte;
banii ufii jidduu teette;
hulee itti hara baafattu dhabde;
uduu hucuucama keessa jirtu
worri isii ari'ana maruu isii argatan
4Ayyaana isi'ii kabajju'uuf ka dhufu waan hin jirreef;
karaan Tsiyoonii maruu duwwaa ta'a;
balballan isi'ii maraanuu ka seenuu fi ka bayu hin jiru;
gadoonni isi'ii hin gaddaan; hin woyatan;
durbi isaanii maruu gaddanii gaddaniiran;
isiin mararo'oon dhiphatti.
5Diintonni isi'ii bulchaa is'ii ta'aniiran;
diintota isi'iitii toleera;
sababaa baay'inna cubbuu isi'iitiif;
Rabbi gadda guddaa isi'itti fideera.
Ijoolleen isi'ii diinaan booji'amanii gara mana hidha'aa deemaniiran.
6Intala Tsiyoonii
gaachenninii fi ulfinni isii'ii maruu irraa mulqameera;
abboonni si'ii ka murti'ii
akka borofa hulee oolu dhabeeti;
worra isii ari'an afo'oo dadhabanii dheessan.
7Guyyoota itti rakkattee fi itti hucuucamte;
Yerusaalem qabeenna dur qabdu maraa hin yaadatti;
hennaa baniin isi'ii harka diinaatitti kufan
ka isii gargaare eennullee hin turre;
diintonni isi'ii isii laalan
diiggama isi'iitittillee hin kolfan.
8Yerusaalem cubbuu guddaa hojjatteerti;
kanaafuu ta battoofte taateeti;
ka isii kabajje maruu isii tuffate;
akka isiin qullaa jirtu waan arganiif;
isiinuu hin gugungumti;
uf duuba gara galteerti.
9Battummaan isi'ii shinshinii isi'ii irratti mudhate;
waan uf afoo isii irra gayu hin yaadanne;
akki isiin itti kufte ka nama naasisu ta'e;
ka isii jajjabeessullee hin turre;
«Yaa Rabbi! rakkinna kiyya laali
diinni waan mooyateeruuf!»
10Qabeenna isi'iititti diinni harka diriirse;
Worri ati akka gara gumi'ii hin seenne dhooggite;
baniin waaqa tolfamaa waaqeffatan
hennaa gara mana Woyyuu isi'ii seenan argite.
11Baniin isi'ii maruu rakkatee buddeena soqaa iyya;
lubbu'uun jiraachu'uuf
qabeenna isaanii kabajjamaa nyaataan jijjiiran;
«Yaa Rabbi! ani waan salphadheef
na yaadadhu; na argi.
12«Isin worri karaa luftan maruu;
kun isiniif womaa mitii mii?
mee laalaa'a; argaa'a;
waan Rabbi guyyaa lola ufii gudda'aa natti fide;
waan na irra geesse;
waan na irraan gaye;
rakkoon akka rakkoo kiyyaa hin jiraa?
13Ibidda gubba'aa erge;
lafee kiyya keessa gada seensise;
luka kiyyatti siiboo diriirse;
uf duuba na deebise;
guyyaa guutuu na dadhabsiisee
duwwaa godhee na kaaye.
14Cubbuun kiyya lum'a kiyyatti fe'aa ta'eera;
harka isaatiin wolitti dhayaman;
mormatti na fe'amee hunna kiyya dadhabsiiseera;
waan ani uf irraa dhoogguu hin dandeennetti
inni dabarsee na kenne.
15«loltoota na keessa jiran maraa
Rabbi hin morme;
ka'imman tiyya butuchu'uuf
loltoota natti waame;
Rabbi intala Yihuuda'aa
cuunfaa woyini'ii keessatti dhiite.
16Wonti booyuuf sababaa waan kanniiniitiif;
ijji kiyya imimmaaniin guuttameera;
ka na jajjabeessu'uuf natti dhiyaate,
eennullee ka hara na baafachiisu'uuf yaale hin jiru;
diinni waan jabaateeruuf
ijoolleen tiyya dhiphatte.»
17Tsiyoon harka ufii badhifte;
ka isii jajjabeessu hin jiru;
ollaan isaa maruu akka diina itti ta'an;
Rabbi Yaaqoobitti ajaja baase;
Yerusaalemillee isaan jiddu'utti akka waan batti'iititti laallamte.
18«Rabbi qajeela'a;
ani garuu ajaja isaatitti diddaa uumee ture;
isin baniin maruu dhagayaa'a;
leelaluu kiyyallee laalaa'a;
dargaggeeyyiin tiyya dhiirrinii fi dubartiinillee;
booji'amanii deemaniiran.
19«Ani goshoota tiyya hin waame,
isaan garuu na ganan;
gadoonni tiyyaa fi jaarsonni tiyya
uduu lubbuu ufii oolfachu'uuf nyaata soqan;
qachattii keessatti dhuman.
20«Yaa Rabbi!
attamitti dhiphadhe!
ani uf keessatti rakkadheera;
ani guddisee waan didaa ta'eef
garaa kiyyaan raafameera;
diidatti guraade'etu fixa;
mana keessallee du'atu jira.
21Namoonnii booya kiyya ka rakko'oo dhagayan;
garuu ka na jajjabeessu hin jiru;
diintonni tiyya maruu rakkoo kiyya dhagayan;
waan ati gootetti hin gammadan;
yabo'oo guyyattii ati itti dubbatte haa dhuftuu;
isaanillee akka kiyya haa ta'anii.
22Hammeenni isaanii maruu si afoo haa dhufuu;
akkuma sababaa diintota tiyyaatiif na irratti goote;
isaan irratti taasisi;
booyichi kiyya ka rakko'oo baay'ateera;
garaan kiyyallee dadhabeera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.