1Rabbi Abraamiin, «Biyya kee, fira kee, mana abbeetii keessaallee bayiitii gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi; Abraam Gara Biyya Misirii Gad Bu'e
10Biyya Kana'aaniititti beelli hammaannaan Abraam achii ka'ee keessummummaa taa'u'uuf gara biyya Misirii gad bu'e.
11Hennaa biyya Misirii seenu'utti dhiyaate haadha manaa ufii Soora'aan, «Ati dubartii guddiftee bareeddu waan taateef,
12worri Misirii yoo si argan, ‹Haadha manaa isaati› jedhanii na ajjeesanii si hambisanii;
13Sababa keetiif waan mishaa akka argadhu, sababaa keetiinillee akka lubbuun tiyya ooltu, ‹obboleettii isaati› jedhi» jedheen.
14Abraamillee hennaa biyya Misirii seene, namoonni Misirii isiin akka guddiftee bareedduu taate argan.
15Hojjattoonni Fari'ooniillee isii arganii Fari'ooniin biratti isii jajan; kanaafuu isii gara mana Fari'oonii fidan.
16Innillee sababaa isi'iitiif Abraamii waan mishaa godhe; Hoolota, loon, harriin, garboota dhiiraa, garboota intalaatii fi gaallan kenneef.
17Rabbi sababa Sooraa haadha manaa Abraamiitiif Fari'oonii fi namoota mana isaa balaa gudda'aan dhaye.
18Kanaan maayessa Fari'oon Abraamiin waamee, «Ati maaf akkana na goote? akka isiin haadha manaa tee taate maaf natti hin himne?
19Maaf ‹Isiin obboleetti tiyya› jette? Ani isii fuudhu'uuf fudhadhee ture; haati manaa tee kunooti amma fudhadhuu deemi» jedheen.
20Fari'oon waan Abraamiitiif hojjattoota ufii ajajee isaa fi haadha manaa isaa horii isaa maraa geegessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.