1Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani gosa Israa'elii maraaf Waaqa ta'uu fi hennaan isaanillee banii kiyya ta'an hin dhufa.
2Hennaa Israa'el hara baafatu'uuf gara kiyya dhufe worri lafa onaa keessatti woraana irraa hafan ana Rabbii isaanii irraa araara argatan.
3Ani fago'otti isaanitti mudhadhe; banii Israa'elii ani baraa haga bara baraa isin jaaladhe; arjummaan kiyya ka bara baraa isinii ta'a.
4Isin Israa'el banii kiyya! ani deebisee isin ijaara; isinillee hin ijaaramtan; ati deebitee dibbee qabattee worra gammadan woliin gammada'aa sirbita.
5Ati deebiftee tulloota Samaariya'aa irratti biqiltuu woyini'ii dhaabda; daraaraa isaa worra hojjatee itti dadhabetu nyaata.
6Worri woyinii gaara Efreemii irra taa'anii eegan hennaan ‹koottaa'a gara Tsiyoonii Rabbi Waandhi keenna jiruu dhandhaa› jedhan hin dhufa»
7Rabbi akkana jedha,
«Waan Israa'elii banii maraa caaltuutiif gammachu'uun faarfadhaa'a;
‹Rabbi banii ufii hambiseera;
worra biyya Israa'elii keessatti hafan maraa ka ufii taasifateera›
jedha'aa faaruu galataa faarfadhaa'a
8«Ani gara kaabaatii isaan fida;
daangaa lafaatiillee wolitti isaan qaba;
balloonni, worri hokkolan,
dubartoonni ulfaatii fi dubartoonni ciniinsifatan maruu
isaan woliin dhufan;
banii guddaa ta'anii gara biyya ufii deebi'an.
9Baniin kiyya hennaa ani gara biyya isaanii isaan masakku
waan guddisanii gammadaniif booya'aa Waaqa kadhata'aa deebi'an;
karaa tolee isaan hin gufachiifneen
gara burqaa bisaan misha'aa isaan fida;
ani Israa'elii abba'a;
Efreem ilma kiyya ka hangafaati.»
10Rabbi akkana jedha,
«Isin baniin! na dhagayaa'a;
dubbii kiyya biyya fago'ottillee labsaa'a;
ani banii kiyya bittinneessee ture;
amma garuu wolitti isaan qaba;
akkuma tisseen horii ufii tissu anillee isaan tissa.
11Ani banii Israa'elii bilisa baaseera;
ani mootii jabaa harkaa baasee isaan oolcheera.
12Kanaafuu isaan deebi'anii gaara Tsiyoonii irratti gammachu'uun faarsan;
isaan midhaan, daadhii woyini'ii, dhadhaa ejersaa,
eebba hoola'aatii fi horii gaafaa maraa ka ani isaanii kennuun gammadan;
akka hulee biqiltu'uu ka bisaan gayaa argatee ta'an;
isaan ammaa achi hin gaddan.
13Durbi isaanii gammadanii sirban;
ka'immanii fi jaarsonni isaaniillee hin gammadan;
ani isaan jajjabeessa; booyicha isaanii gara gammachu'uu,
gadda isaanii gara gammadanii burraaqu'uutitti jijjiira.
14Gadoota eebba lafaatiin isaan quubsa;
ani banii kiyyaa arjummaa kiyya baay'isa;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Araara Rabbi Israa'elii Godhe15Rabbi akkana jedha,
«Laagaan booyaatii fi ka mararo'oo Raamaa keessatti dhagayame;
Raahel ijoollee ufiitii bootti;
ijoolleen isi'ii waan lubbu'uun hin jirreef obsuu dadhabde.
16Isin boowuu dhiisa'aa imimmaan uf irraa haqaa'a;
wonti isin ijoollee teessanii gootan maruu gatii malee hin hafu;
isaan biyya diinaatii deebi'anii dhufan.
17Ijoolleen teessan waan gara biyya ufii deebi'anii dhufaniif,
duranaa abdii qabdan;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.
18«Baniin Israa'elii gaddaan hennaa
‹Rabbii keenna nu akka mirgoo hin leenjinee turre;
ati garuu ajajamuu nu barsiifte;
Ati Waaqa keenna waan taateef,
amma gara kee gara Waaqa keennaa nu deebisi
nullee hin deebinaa;
19yoma si irraa fagaannee deemneellee jiraanne amma kunoo aagii galleerra;
nu saalfannee, gaabbinee gad uf qabnee laphee keenna tumna;
cubbuu hennaa ka'imumma'aa hojjanne maraaf
uf ajiifanna› jedhan dhagaye.
20«Israa'el! isin ijoollee tiyya ta ani jaaladhu;
ani waa maraa caalaa isin jaaladhaa mii?
ani isinii araaramu'uuf ufitti isin dhiyeessuu barbaada;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.
21Isin ufiif karaa irra deemtanitti malkata godhaa'a;
utubaa hedduu ka karaa isinitti akeeku dhaabadhaa'a;
karaa guddaa irra deemtan xiinxalla'aa laalaa'a;
isin Israa'el banii kiyya! gara qachoota teessan tanaa dacha'aa'a.
22Isin baniin amantii dhidhu'uu,
haga yoomii mamtan?
ani Rabbi lafa irratti waan haarawa uumeera;
innillee dubartiin dhiira irraa waa dhooggiti;
Ani waan haarawa addaa uumeera» jedha.
Durummaa Banii Rabbii Ka Duranaa23Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Hennaa ani banii gara biyya isaanii deebise biyya Yihuuda'aatii fi qachoota isi'ii ‹ati gaarattiin woyyittiin ta dhugaan keessa bultu Rabbi si haa eebbisu› jedhan.
24‹Biyyi Yihuuda'aatii fi qachoonni isi'ii maruu ka baniin keessa jiraatu ta'an; worri qonnaan bulu ka lafa qotuu fi worri horii tissu achi keessatti argaman.
25Worra dadhaban maraa akka hunni isaanii haarawoomu taasisa; worra beelayanii dadhaban nyaachisee isaan quubsa.
26Kanaafuu hennaa san baniin hennaa rafnee hirribaa dammandhu haarawoomne› jedhan.
27Ani Rabbi hennaan biyya Israa'eliitii fi Yihuuda'aa bani'ii fi busaawa'aan guutu hin dhufa.
28Ani akkuma isaan buqqisee diigu'uuf, garagalchee balleessu'uuf, isaan barbadeessu'uufillee hordofa'aa ture; akkasuma deebisee isaan dhaabee ijaaru'uuf isaan hordofa.
29Bara san ‹daraaraan woyini'ii dhangaggaayaan abboonni nyaatan
ilkaan ijoolle'ee diilallaaye›
jedha'aa mammaakan hin hafa.
30Kun ta'uun hafee namni daraaraa woyini'ii dhangaggaayaa nyaatu akka ilkaan isaa diilallaayu taasisa; namni maruu cubbuma ufii hojjatuun du'a.»
31Rabbi akkana jedha, «Hennaan ani banii Israa'eliitii fi banii Yihuuda'aa woliin waadaa haarawa galu hin dhufa.
35Rabbiin akka aduun guyya'aan ifu godhu,
ka jiininii fi urjiin akka halkaniin ifan seera isaanii baase,
ka galaanni akka dambaliin raasu sosochoosu akkana jedha;
maqaan isaa Waaqa banii maraati.
36Seerri uumamaa maruu eega dhaabatee jiraate
inni abdii Israa'el banii taatee akka jiraattu mudhisu kenna.
37Rabbi sababaa yakka baniin isaa Israa'el hojjateef isaan gata jedhuun ka danda'amu
yoo badhinni sami'ii bikkamee,
bu'uurri ardi'ii maruu qoratamee beekkame calla'a;
Rabbi waan kana dubbate.
38Rabbi akkana jedha, «Hennaan dallawa dhaga'aa ka irra taa'anii eegan ka Hanaani'eeliitii jalqabee haga qaccee balbala dallawaa Yerusaalem qachaa tiyya taatee ijaaramtu hin dhufa.
39Daangaan dallawa sanii qaccee balbalaatii ka'ee gara tulluu Gaareebii dhaqee gara Go'aa naannaya.
40Dhoondhi waan du'ee fi daaraa itti gatan gara baya biiftu'uutii haga karra seensa fardaa ka Rabbii woyyoome ta'a; qachattiin sirima deebitee hin diiggamtulle'e.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.