Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 12 - Kitaaba Woyyuu

Mammaaka Mudhata Naataaniitii Fi Aagii Galuu Daawitii

1Rabbi Naataanii raatticha gara Daawitii erge; Naataan gara Daawitii dhaqee, «Namoota lamaan qachaa tokko keessa jiraatantu ture; isaan keessaa tokko dureessa; tokko ammo hiyyeessa ture.

13Daawiti Naataaniin, «Ani Rabbiin yakkeera» jedheen; Naataanillee Daawitiin, «Rabbi waan cubbuu kee sii dhiiseef hin duutu;

14garuu waan yakka kana hojjattee Rabbiinillee tuffatteef mucaan sii dhalate hin du'a.» jedheen.

Mucaan Daawitii Du'e

15Kanaan maayessa Naataan gara mana ufii deebi'e; Rabbi daa'ima haati manaa Ooriyo'oo Daawitii deette dhibee hama'aan ajjeese.

16Daawiti Rabbi akka daa'ima isaa fayyisuuf soomaa fi sagadaan Rabbiin kadhate; galgala manatti galee rafe;

17Hojjattoonni mana mootummaa isaa gara isaa dhaqanii lafaa kaasu'uuf badadan; inni garuu hin dide isaan woliinillee womaa hin nyaanne;

18guyyaa torbeesso'ootitti daa'imni hin du'e; hojjattoonni isaa hennaa daa'imni lubbu'uun jiru waan itti himnu nuu hin dhageenne; amma yoo akka daa'imni du'e itti himne atta ta'inna? waa uf godha!» jedhanii du'a daa'imaa itti himuu sodaatan.

19Daawiti hasaassii hojjattoota ufii haga dhagaye akka daa'imni du'e beekee hojjattootaan «Daa'imni hin du'ee?» isaaniin jedhe; isaanillee «Ee hin du'e» jedhaniin.

20Daawiti lafaa ka'ee dhiqatee dibatee uffata ufii jijjiiratee gara mana Woyyuu Rabbii seenee sagade; achiin maayessa gara mana mootummaa ufii deebi'ee nyaata naa fidaa jedhe isaanillee nyaata isaa finnaan nyaate.

21Hojjattoonni isaa «Wonti ati goote kun maali'i? hennaa daa'imni lubbu'uun jiru, waan isaatiif soomtee boottee Rabbiin kadhatte; haga daa'imni du'een maayessa garuu kaatee xoroshoo nyaatte!» jedhaniin.

22Daawiti, «Hennaa daa'imni lubbu'uun jiru, akka Rabbi naa araaramu daa'imallee akka naa fayyisu, yaadee soomee booyuun kiyya dhuga'a;

23amma garuu daa'imni waan du'eef maaf sooma? Eeganaa amma daa'ima lubbuu itti deebisuu danda'aa? natu gara isaa dhaqa malee inni gara kiyya hin deebi'u» jedhee isaanii deebise.

Solomoon Dhalate

24Kanaan maayessa Daawiti haadha manaa ufii Beersaabeehiin jajjabeessee isii bira gaye; isiinillee ilma deetteef; maqaa isaallee «Solomoon» jedhee itti baase; Rabbi daa'ima waan jaalateef,

25maqaa Yididiyaa jedhamu akka itti baasan raattichi Naataan isaan ajaje; «Yididiyaa» jechuun «Ka Rabbi jaalate» jechu'u.

Daawiti Lolee Injifatee Qachaa Raabaa Jedhamtu Qabate(Sen. 1ffaa 20:1-3)

26Iyyoo'aab lolee burqaa bisaanii ta qachattii ijoollee Amoonii qabate.

27Iyyoo'aab gara Daawitii, «Ani qachattii Raaba'aatiin lolee hulee burqaa bisaanii qabadheera;

28ammallee ani akka qachattii hafan qabadhee maqaa kiyyaan akka hin waamamne loltoota hafe wolitti qabii qachattii hafte lolii qabadhu jedhee dhaamsa erge.

29Daawiti loltoota wolitti qabee gara Raabaatii dhaqee lolee qabate;

30gulloo ulfinnaa ka mootii isaanii mataa isaa irraa fudhate; gulloon sun kiiloo giraamii soddomii shan; gulloo dhagaa gatii gudda'aa san fudhatee mataa ufiititti godhate; qachattii san keessaallee waan heddu booji'e.

31Banii qachattii san keessa jiran baasee haamtuu mukaatiin, qottoo sibiilaatii fi dhagaraa sibiilaatiin hujii akka hujan godhe; faara akka hojjatanii fi qachaa Amoonii maraa keessattuu akkasuma godhan; Daawitii fi baniin maruu gara Yerusaalemii deebi'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help