1Iyyoosiyaas hennaa moowu umuriin isaa woggaa saddeeti ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa soddomii tokko bulche; haati isaa ta Yididiyaa jedhamtee waamamtu mucattii Adaya'aa dhalattuu qachaa Baasirootiiti.
8Kanaan maayessa Keliqiyaas gadichi barreessaa Saafaaniin, kitaaba seeraa mana Rabbii keessatti argeera jedhe; Keliqiyaasillee kitaaba Saafaanii kenne; innillee hin dubbise.
9Achiin maayessa barreessaan Saafaan gara mootichaa deebi'ee, «hojjattoonni tee horii mana woyyumma'aa fuudhanii worra hujii mana woyyuu haarawoomsu'uuf muudamanitti kennaniiran» jedhee hime.
10Itti aansee Keliqiyaas gadichi «Kitaabni ani arge kana» jedhee Saafaan mootichaa dubbise.
11Mootichi hennaa kitaabni seeraa dubbifamu dhagayee gaddee uffata ufii tarsaase.
12Mootichi Keliqiyaasii gadicha ilma Saafaaxii, Akiqaam ilma Mikiyaasii, Akiboor barreessaa mana mootumma'aa, Saafaanii fi garbicha mootichaa Asaaya'aa ajaja armaan gadii kenneef.
13Anaa fi banii Yihuudaa keessa jiraatu barumsa kitaaba kana keessa jiru akka beekuu dandeennu Rabbiin nuu gaafadhu; abboonni teenna ta durii seera kitaaba kana keessatti barreeffame waan hin eenneef Rabbi guddisee nutti aareera.
14Keliqiyaas gadichi, Akiqaam, Akaaboor, Saafaanii fi Asaayaan gara namicha uffata eeguu gara ilma Hasara'aa gara Teeqowa'aa fi gara haadha manaa Seeleemii gara Hildaanaa raattitti'ii deeman; isiinillee Yerusaalemiin kutaa lammeesso'oo keessa teettee uduu jirtu isii woliin dubbatan.
15Isiinillee akkana isaaniin jette «Nama gara kiyya ergitanitti Rabbiin Waandhi Israa'elii akkana jedha jedha'aatii himaa'a.
16«Rabbi Waandhi akkana jedha kunoo akkuma kitaaba mootiin Yihuuda'aa dubbiseetitti namoota as jiraatan irratti waan hamaa fida;
17Isaan ana dhiisanii waaqolee tolfamaa ormaatiif ciincaa dhiyeessaniiran; waaqolee tolfamaa harka ufiitiin hojjatanii na dallansiisaniiranii lolli kiyya hin dhaabatu;
18Mootii Yihuuda'aa ka Rabbiin waa gaafachu'uuf ergitaniin akkana jedhaa'a; «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha; ‹Waan dubbii dhaggeetteetiif garaan kee waan laafeef
19Keessi kee tuqamee uf salphiftee uffata kee tarsaaftee waan na kadhatteef kadhaa kee dhagayeera;
20Kanaafuu awwalamtee abboota keetiin wolitti eda'amta; waan hamaa ani biyya kana irratti fidu ijji tee hin argitu› » jedheen.
Namoonni waan kana mootichatti himan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.