1Kanaan maayessa Rabbi Muuse'een «Gara Fari'oonii dhaqiitii ‹Akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi siin jedha Rabbi;
2yoo gad dhiisuu didde ammo biyya tee maraa irratti raacha gad dhiisa.
3Lannillee raacha dhala; raachanillee yaa'anii gara mana keetii, gara hulee ati bultuu, gara siree teetii, gara mana garboota teetii, gara banii keetii, meeshaa waa itti nyaatanii fi itti bilcheeffatanitti seenan;
4raachan maruu si'i, banii keetii fi garboota kee maraa irra yaa'an.› » jedheen.
5Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fudhadhuutii lagaa fi burqaa bisaanii, hulee bisaan itti kuufamu irra harka kee diriirsii raachan biyya Misirii maraa irratti yaa'aa jedhi» jedheen.
6Kanaafuu Aaroonillee bisaan biyya Misirii maraa irratti harka ufii diriirse; Raachanillee yaa'anii biyya Misirii maraa irra garagalan.
7Worri asmaa hojjatuu fi morullee akkasuma godhan; biyya Misirii maraa irra raacha yaasan.
8Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin waamee akka Rabbi naa fi banii kiyya irraa raacha kaasu Rabbiin naa kadhadhaa'a; banii keessan Rabbii akka ciincaa dhiyeessan gad dhiisaa» isaaniin jedhe.
9Muuseenillee Fari'ooniin «Akka raachan mana keetii badan, laga keessatti akka hafan si'ii fi garboota keetii, banii keetiifillee yoom akka Rabbiin sii kadhannu nutti himi» jedheen.
10Innillee, «Boru» jedheen.
Muuseenillee, «Rabbiin Waaqa keenna fakkaatu akka hin jirre akka beettu akkuma jecha keetii haa ta'u.
11Raachanillee si biraa, mana keetii, ka garboota keetiitii fi banii kee biraa hin deeman; laga keessatti hafan» jedheen.
12Muuse'ee fi Aaroon Fari'ooniin biraa bayanii deeman; Muuseen akka Rabbi raachan mana Fari'ooniitii baasuuf Rabbiin kadhate.
13Rabbillee akkuma Muuseen kadhate san godhe; raachanillee bakkuma jiran marattuu dhumanii,
14akka tuula'aatitti wolitti qaban; laftillee hin ajoofte.
15Fari'oon akka raachi dhume haga arge garaa jabaatee waan Rabbi isatti dubbate hin dhageenne.
C. Bookee Nama Iddu16Rabbi Muuse'een, «Aarooniin ulee tee fuudhiitii daaraa lafaa dhayi; akka daaraan biyya Misirii maraa irratti bookee nama iddu ta'u jedhiin» jedhe.
17Isaanillee akkasuma godhan; Aaroon harka ufii ol fudhatee ulee ufiitiin daaraa lafaa dhoofnaan sa'aa nama irratti daaraan biyya Misirii maruu bookee nama iddutti jijjiirame.
18Worri asmaa hojjatuu fi worri moru baasuu yaalan; garuu baasuu hin dandeenne; bookeen nama iddu sa'aa nama irra yaa'e;
19Worri moru Fari'ooniin «Kun hujii Rabbiiti!» jedhaniin; onneen Fari'oonii ammo hin jabaatte; waan Rabbi jedheen hin dhageenne.
D. Qarxaasaa20Rabbi Muuse'een, «Fari'oon obboro'oon ka'ee laga bu'aa isa afoo dhaabadhuu; Rabbi akkana jedha; ‹Akka na tajaajilan banii kiyya gad dhiisi;
21Yoo banii kiyya gad dhiisuu didde ammo si'ii fi garboota kee, bani'ii fi mana kee maraa irrattuu qarxaasaa nama iddu gad dhiisa; manniin biyya Misiriitii fi lafa isaanii maraa qarxaasa'atu guuta.
22Guyyama san ani Rabbiin akka ta'e akka beettu lafa Geersaamii ta baniin kiyya irra jiraatu akka qarxaasaan irra hin jiraanne adda fooya.
23Banii kiyyaa fi banii kee gara gara fooya; maalaleen kun boruma ta'a.› »
24Rabbillee akkasuma godhe; mana Fari'ooniitii fi mana garboota isaa maraa keessa qarxaasa'atu nam'e; biyyi Misirii maruu sababaa qarxaasa'aatiif bade.
25Kanaan maayessa Fari'oon Muuse'ee fi Aarooniin waamee «Deema'aatii biyyuma tana keessatti ciincaa Waaqa keessanii dhiyeessaa'a» isaaniin jedhe.
26Muuseen, «Rabbii Waaqa keennaa ciincaa biyya Misirii kana keessatti dhiyeessuun nu hin barbaachisu; worri biyya Misirii waan nu ciinceessinu akka batti'iitiitti waan laalaniif yoo nu waan isaan akka batti'iititti laalan kana biyya Misiriititti isaan afo'otti ciincessine isaan nuun hin lolanii?
27Nu'u Rabbii Waaqa keennaa ciincaa dhiyeessu'uuf akkuma Rabbi Waandhi keenna nu ajaje deemsa guyyaa sadihii gara lafa gammoojji'ii deemna» jedhe.
28Fari'oonillee, «Rabbii Waaqa keessanii akka lafa gammoojji'iititti ciincaa dhiyeessitan gad isin dhiisaa; garuu fagaattanii hin deeminaa'a; Waaqa naa kadhadhaa'a» jedhe.
29Muuseenillee, ‹Kunoo ani si biraa deema; qarxaasaan Fari'ooniin biraa, garboota isaatii fi banii isaa maraa irraa boru akka deeman Rabbiin kadhadha; garuu akka baniin Rabbii ciincaa hin dhiyeessine ammallee deebitee nu hin sobin» jedheen.
30Muuseen Fari'ooniin biraa bayee Rabbiin kadhate;
31Rabbillee akkuma Muuseen kadhate qarxaasaa Fari'ooniin biraa, garbootaa fi banii isaa maraa irraa tokko uduu hin hafne kaase; Rabbillee akkuma Muuseen jedhe godhe.
32Yoma san Fari'oon onnee ufii jabeeffate; baniillee gad dhiisuu dide.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.