1Yaa Rabbi! ani garaa guutu'uun si galatoonfadha;
maalalee ati hojjatte maraa hin dubbadha!
2Ani siin gammada; siin natti tola;
Rabbii maraa olii!
maqaa keetii faaruu galataa dhiyeessa.
3Diintonni tiyya hennaa uf duuba deebi'an;
gufatanii afoo keetii badan.
4Ati teessoo kee irra teettee
murtii sirrii murteessita.
hajaa kiyyallee argitee mirga kiyya eeddee
qajeellumma'aan naa murteessita.
5Banii hin xixxe,
worra hammeeyyii hin balleessite,
maqaa isaaniillee baraa haga bara baraa haxxe.
6Diintonni baraa haga baraa badaniiran;
qachoota isaaniillee diiddeerta;
yaadannoon isaaniillee badeera.
7Rabbi garuu baraa haga bara baraa teessoo ufii irra jira;
teessoo ufii murti'iif jabeeffate.
8Inni adunyaa balchumma'aan bulcha;
banii maraafuu haqaan murteessa.
9Rabbi worra gad qabamanii dawo'o;
worra rakkatanii irko'o.
10Worri maqaa kee beekan maruu si abdatan;
Yaa Rabbi! ati worra si barbaadan waan hin dhiifneef;
11Rabbii Tsiyooniin irra jiraatuuf,
faaruu galataa dhiyeessaa'a!
banii keessatti hujii isaa himaa'a.
12Ka dhiiga baasu waan isaan yaadateef;
iyya worra gad qabamanii hin irraanfanne.
13Yaa Rabbi!
yabo'oo garaa naa laafi;
rakkoo diintonni kiyya na irra geessan laali!
du'allee na oolchi;
14Yoo ati kana naa goote,
Tsiyoonitti galata kee labsa;
waan ati na fayyifteef hin gammada.
15Baniin Yihuudota hin taane boolla ufii qotanitti galan;
lutti isaanii siiboo isaan dhossa'aan
dhaabaniin qabame.
16Rabbi murtee dhuga'aa murteessu'uun beekkama;
hammeeyyiin hujii ufiitiin qabaman.
17Hammeeyyiin gara ibidda asaabaa bu'an,
banii Rabbiin irraanfatu maruu akkasuma.
18Worri rakkatan hennaa maraa irraanfatamanii hin hafan;
abdiin hiyyeeyyi'ii baraa haga bara baraa badee hin hafu.
19Yaa Rabbi! ka'i!
namni hin caalin;
worra yihuudota hin taane
si afo'otti isaanitti haa murtaayu.
20Yaa Rabbi! naasuu isaanitti fidi;
baniin nama ta'uu akka hin daganne haa beekanii.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.