Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 21 - Kitaaba Woyyuu

Hulee Muka Woyini'ii Ka Naabute'ee

1Namni Naabutee jedhamu Iyiziraa'elaawichi tokko mana mootumma'aa ka Aki'aabii biratti hulee woyinii itti dhaabatu qaba ture.

2Aki'aabi Naabute'een «Lafti tee tun mana kiyyatti waan dhiyaattuuf biqiltuu woyini'ii itti dhaabadhaa lafa tee tana naa kenni yookaan garuu yoo barbaadde haga lafti tee baaftu sii kennaa» jedheen.

3Naabuteen deebisee Aki'aabiin, ‹Waan lafa abboota tiyyaa sii kennuuf Rabbi naa haa didu› » jedheen.

4Naabuteen namichi gosa Iyiziraa'elii waan inni Aki'aabiin «Lafa abboota tiyyaa sii hin kennu» jedheef lolee aaree gara mana ufii galee waa maratee siree ufii irra ciisee xoroshoo nyaachuu dide.

5Haati manaa isaa gara isaa dhaxxee «Wonti gadditee waa nyaachuu didduuf maali'i?» jetteen.

6Innillee isi'iin Naabuteen gosa Iyiziraa'elii hulee woyinii kee itti dhaabde natti gurguri, yookaan yoo feete bikka isaa hulee woyinii itti dhaabattu ka biraa sii kennaa jennaan inni garuu hulee woyinii itti dhaabadhu sii hin kennu waan naan jedheef» isi'iin jedhe.

7Haati manaa isaa Eelzaabeel, «Ati akka kanaan banii Israa'elii bulchitaa? amma ka'ii waa nyaadhuu gammadi; lafa dhaaba woyini'ii ka Naabutee gosa Iyiziraa'elii akka argattu hin godhaa» jetteen.

8Achiin maayessa isiin maqaa Aki'aabiitiin xalayaa barreessitee, chaappaa itti dhooftee gara jaarsotaatii fi worra baallii qaban ka qachattii san keessa jiraatanii fi worra Naabutee woliin taa'anitti ergite.

9Xalayaan akkana jedha, «Sooma guyyaa tokkoo labsaa'a; baniillee wolitti qabaa'a; Naabute'eef hulee ulfinnaa kennaa'a; nama lamaa ka mootichaa fi Rabbiin arrabseera jedhanii worra sobaan ragan dhiyeessaa'a;

10achiin maayessa Naabutee qachattii keessaa baasa'aatii dhaga'aan dhaya'aa isa ajjeesaa'a» jette.

11Namoonni qachattii keessa jiraatanii fi namoonni baallii qaban akkuma Eelzaabeel isaan ajajje akkuma xalayaa san irra jiru godhan.

12Labsii soomaa labsanii Naabuteellee banii afoo dhaabsisan.

13Namoonni lamaan sobaan ragan sunniin dhufanii Naabutee afoo taa'anii Naabuteen mootichaa fi Rabbiinillee arrabseera jedhanii banii afo'otti sobaan itti ragan; achiin maayessa qachattii keessaa isa baasanii dhaga'aan dhayanii isa ajjeesan.

14Namoonnillee «Naabuteen dhaga'aan tumamee du'eera» jedhanii Eelzaabeelitti dhaamsa ergan.

15Eelzaabeel akka Naabuteen dhaga'aan tumamee du'e haga dhageette Aki'aabiin «Naabuteen gosa Iyiziraa'elii waan du'eef hulee woyini'ii ka inni birri'iin sitti gurguruu dide dhaqii dhaali» jetteen.

16Aki'aabi akka Naabuteen gosa Iyiziraa'elii du'e haga dhagaye, hulee woyini'ii san dhaalu'uuf dhaqe.

17Achiin maayessa dubbiin Rabbii gara Eeliyaasii Teesibichaa ka akkana jedhu dhufe,

18«Ka'ii gara Aki'aabii mootii biyya Samaariya'aa dhaqi; akka inni lafa woyinii Naabute'ee dhaalu'uuf achi dhaqeeru argitaa» jedhe.

19Eeliyaas Aki'aabiin «Rabbi akkana siin jedha; isa ajjeeftee lafa isaa dhaalu'uuf kaatee? Rabbillee hulema dhiiga Naabute'ee sariin itti arraabdetti dhiiga keellee sariin achumatti arraabdi› jedhii itti himi» jedheen.Mot. 1ffaa 22:38

20Aki'aabi Eeliyaasiin ati diina kiyya! na argitee? Jedheen innillee akkana jedhee deebiseef Ee si argeera, Ati Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatu'uuf cubbu'uu uf kennite.

21Ani amma waan badaa sitti fida, sirima si balleessa maatii kee keessaa garbicha ta'ee'e wolabticha dhiira maraa hin balleessa.

22Ati na afo'otti waan hamaa hojjattee na aarsitee, worra Israa'eliillee waan dogoggorsiteef maatii kee akka ilma Naabaaxiitii fi akka Ba'oosii ilma Akiya'aa godha.

23Akkasuma Rabbi waan Eelzaabeelii dallawa qachaa Iyiziraa'elii laddatti reeffa isi'ii sariintu nyaata jedhee dubbate.Mot. 2ffaa 9:36

24Maatii Aki'aabii keessaallee worra qachattii keessatti dhuman sariintu nyaata; ka raasaa keessatti dhuman garuu allaatti'itu nyaata.

25Namni akka Aki'aabii ka Rabbiin afo'otti waan hama'aaf dabarsee uf kenne, namni akka isaa ka haati manaa masakkite hin jiru.

26Inni akka worra Amoorotaa ka Rabbi worra Israa'elii afo'oo ari'ee san cubbuu isaan hojjatan hojjate, waaqa tolfamaa isaan waaqeffatan waaqeffatee waan hamaa guddisee hojjate.

27Aki'aabi haga waan kana dhagaye uffata ufii tarsaasee uffata gaddaa uffatee waa nyaachuu didee akkuma uffata gaddaa uffateen rafe; hennaa ka'ee deemullee waan guddisee rakkata'aa tureef fuula bade.

28-29Ati amma akka Aki'aabi na afo'otti salphate argiteemii? inni nama na afo'otti salphate waan ta'eef bara ilmi isaa bulchu waan hamaa fida malee bara inni lubbu'uun jiru waan hamaa hin fidu; jedhee Rabbi Eeliyaasii nama gosa Teesibi'iititti dubbate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help