1Bara san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu gaye; Isaayyaas raattichi ilmi Amootsii isa bira dhaqee «Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin jiraattuu mana kee sirreeffadhu› siin jedha» jedheen.
2Hisqiyaas gara dhaaba manaa gara galee,
3«Waandhana! akka ani si afoo dhuga'aa fi onnee qajeeltu'uun jiraadhe, waan si gammachiisullee akka hojjadhe akka yaadattu si kadhadha» jedhee booya'aa Rabbiin kadhate.
4Kanaan maayessa Rabbi Isaayyaasii raattichaan,
5«Gara mooticha Hisqiyaasii dhaqii ‹Rabbiin abbaa kee Daawitii «Ani kadhaa kee dhagayeera; imimmaan keellee argeera; umurii kee irratti woggaa kudha shanii eda'a› jedha» jedheen.
6Si'ii fi qachattii Yerusaalemii tana harka mootii biyya Asoorii jalaa baasa; qachattii tana hin daadaya.› »
7Isaayyaas, «Malkanni Rabbi waan dubbate raawwatu'uu kana.
8Gaaddisa manaa ka teessoo mootichi Aki'aaz hojjate irraan gad bu'e tarkaanfii kudhanii gara duubaa akka deebi'u taasisa» jedhee deebiseef; gaaddifni manaallee haga tarkaanfii kudhanii uf duuba deebi'e.
9Hisqiyaas mootiin biyya Yihuuda'aa akkuma dhibee irraa fayyeen faaruu galataa barreesse.
10«Ani wodhakkaa umurii kiyyaatitti
balballan ibidda asaabaa keessa lufuu na barbaachisaa?
barri kiyya ka hafe na jalaa fudhatamuu barbaachisaa?»
jedhe.
11Akkana jedhe, «Lamuu Rabbiin;
Rabbiin biyya jiraattotaa keessatti hin argu
ammaa achi fiixaa namaa hin argu;
worra adunyaa tana irra jiraatan woliinillee hin ta'u.
12Manni kiyya akka daasee tisse'ee buqqa'e;
na irraa fudhatame;
jiruu tiyya akka fooyaa jirbi'iititti mammare;
waan maraniin irraa na mure;
ganamaa haga galgalaa na fixu'uuf ariifatte.
13Haga ganamaa obsaan eeggadhe;
Inni garuu akka leencaatitti lafeewwan kiyya
caccabse;
ganamaa haga galgalaatitti na fixu'uuf ariifatte.
14Akkuma simbiraa; akkuma shaallo'ootitti woce;
akkuma handari'iititti aada;
ijji tiyya gara sami'ii laalu'uun dadhabde;
Gooftaa'a; waan dhiphadheeruuf na oolchi.
15Eeganaa ani maal jedha?
Inni natti himeera; isumatu kanallee godhe;
Waan dhiphinna lubbuu tiyyaatiif;
umurii kiyya maraa kasooma'aa jiraadha.
16Gooftaa'a; namoonni waan kanniiniin jiraatan;
hafuurri kiyyallee akkasuma kaniiniin
jireenna argata;
na fayyifte;
jireennaan na jiraachifte.
17Ka rakkinnaan dhiphadhe;
faayidaa naa ta'e;
boolla badi'ii irraa;
jaalala keetiin na eedde;
cubbuu kiyya maraa;
uf duubatti gatte.
18Ibiddi asaabaa si hin galatoonfatu;
duuti si hin jajju;
worri gara boollaa gad bu'an;
amanamummaa kee hin abdatan.
19Akkuma ani adha godhu kana;
worri lubbuu qabu si galatoonfatan;
waan amanamummaa keetiillee
abboonni ijoollee ufiititti himan.
20Rabbi na oolcha;
kanaafuu bara umurii kiyyaa maraa;
mana woyyuu Rabbii keessatti
meeshaa miseensa qabuun faarfanna.
21Kanaan maayessa Isaayyaas «yoo baala muka hurbu'uu nafa isaanii ka iitaye irra kaayatan hin fayya» isaaniin jedhee ture.
22Mootichi Hisqiyaas «Ani akka fayyee gara mana woyyu'uu dhaquu danda'u malkata maali'iitiin beeka?» jedhee Isaayyaasiin gaafate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.