1«Eeganaa ati Rabbii Waaqa kee seera, murti'ii fi waan inni sitti hime hennaa maraa eegi.
2Gorsa Rabbii Waaqa keessanii, guddinna isaa, irree isaa jabaa, harka isaa ka diriire,
3hujii isaatii fi baasa mootii biyya Misirii Fari'oonii fi biyya isaa maraa irrattuu godhe hennaa isaan isin duukaa deeman argitaniirtan.
18«Eeganaa jechoota kanniin qalbii keessanii fi garaa keessanitti qabadhaa'a; akka malkataatitti harkatti isaan hidhadhaa'a; jechoonni kunniin ija keessan afo'oo hin gorin;
19ijoollee teessanillee barsiisaa'a; hennaa mana teettan, hennaa imala deemtan, hennaa raftan, hennaa kaatan waan isaa dudubbadhaa'a;
20akka Rabbi Waandhi lafa abboota teessanii kennu'uuf isaanii kakate lafa tana irratti umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii akka dheeratu,
26«Ani adha eebbaa fi abaarsa isin afoo kaaya;
27eebbi yoo ajaja Rabbii ka ani adha isinitti himu dhageettan;
28abaarsillee ajaja Rabbii Waaqa keessanii yoo dhagayuu diddan karaa ani adha isin ajaju kana irraa yoo gortanii fi waaqa tolfamaa biraa yoo hordoftan;
29yoo lafa Rabbi Waandhi kee akka dhaaltuuf sii kennetti galte eebba gaara Gaarizaanii, abaarsa gaara Geebaalii irratti labsita.Kes. Deb. 27:11-14; Iyya. 8:33-35
30Isaan biyya Kana'aanii ka galaana Yoordaanosiitiin gama worra karaa Arabaa gara baya biiftu'uutiin jiraatanii worra Gelgalaa afoo muka mooree biraati;
31lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kennu dhaalu'uuf galaana Yoordaanosii ceetanii dhaaltanii irra jiraattan.
32Seeraa fi murtii ani adha isinii kennu maraa jabaadha'aa eegaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.