1 Efe. 1:1; Filph. 1:1 Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'ee fi obboleessa isaa Ximootewoosiin irraa,
2Rom. 1:7; Efe. 1:1-2 Woyyoota Qolaasiyaasiin keessa jiranii fi obboleeyyan Kiristoosiin hedatan, Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u.
Phaawuloos Worra Qolaasiyaasii Galatoonfate3-5 Tas. 1ffaa 1:2-3 Waan keessaniif Rabbiin yoo kadhannu sababaa abdii sami'itti isinii qophaayee, amantii isin Yesuus Kiristoositti qabdan, jaalala woyyoota maraaf qabdan dhageennee, Rabbii Abbaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hennaa maraa hin galatoonfanna. Waan abdii kanaa dhugaa jecha Dubbii Nagayaatiin firriftanii dhageettaniirtan.
6Kunillee akkuma adunyaa maraa gaye, gara keessanillee gayeera. guyyaa Ayyaana Rabbii dhuga'aan dhageettanii fi beettan irraa jalqabee akkasuma akkuma isin keessallee jiru, akkasuma adunyaa irratti daraaraa daraara'aa guddata.
7Qol. 4:12; Film. 23 Ephafiraa jaalatama'aa fi garbicha Rabbii ka nu woliin hojjatu irraa akkanatti barattan; innillee waan keessaniif tajaajilaa amanamaa Kiristoosiiti.
8Akkasuma waan jaalala keessanii ka Ayyaana Rabbiitiin ta'u nutti himeera.
9Efe. 1:15-17; Filph. 1:9 Kanaaf nullee akkasuma guyyaa kana dhageenne irraa jalqabnee, akka fedha beekkumsa isaa, ogummaa Ayyaanaatii fi sammuu keessanii hubannaa akka kennu waan keessaniif Rabbiin kadhachuu hin dhiifne.
10-11Efe. 2:10; 4:1; Filph. 1:27; Ibr. 13:21 Hujii mishaa maraan daraaraa daraara'aa, beekkumsa Rabbiitiin guddata'aa,
12Efe. 1:18 gammachuu woliin waa maraanuu obsu'uun dhaabattanii hunna ulfinna isaatiin jabeenna maraan jabaata'aa Rabbii akka ifa ristii woyyoota woliin qoodamnu nu taasise Aabbaan galatoonfata'aa, waa maraanuu isa gammachiisu'uun akka Goofta'aa ta'utti akka jiraattan isin kadhanna.
13-14Efe. 6:12; Hu. Er. 26:18 Inni baallii dukkanaa jalaa nu fayyise nu bitee, isallee gara jeennata jaalala Ilma isaa ka dhiifamsa cubbu'uu ittiin arganneetitti nu geesse.
Ol Aantummaa Kiristoosii15-16 Qor. 2ffaa 4:4; Ibr. 1:3 Kiristoos fakkeenna Waaqa hin mudhanneeti. Teessoon mudhatanii fi hin mudhanne, gooftummaan, bulchuun, baalliin worra ardi'ii fi samii irra jiranillee yoo ta'an, martinuu waan isaan uumamaniif, Inni uumama maraayyuu hangafa; martinuu isaan isaaf uumameera.
17Yoh. 1:1; 8:58; 17:5; Mudh. Yoh. 22:13 Inni maraa dura, martuu isaan wol qabateera.
18Qor. 1ffaa 15:20; Efe. 1:22-23; Mudh. Yoh. 1:5; Hu. Er. 26:23 Inni qaama isaa jechuun, mataa Woldaa Kiristaanaati. Innillee maraa afoo ta'u'uuf, worra du'an keessaa du'aa ka'u'uun hangafa.
19-202:9; Yoh. 1:16; Efe. 1:23 Rabbi guutumaan guutu'utti isa keessa akka jiraatuuf, karaa isaatiin dhiiga fannoo irratti jigeen nagaya buusee waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa ufiin wolitti araarsuu waan fedheef.
21-22 Rom. 5:6,10; 2:1,12,15-16 Isin worra shinga'aa fi mudaa hin qabne woyyoota isin taasisee, isa afoo isin dhiyeessu'uuf, hujii dharaa ka dura irraa fooyamtanii raawwatu'uun yaada keessaniin diintota turtan, amma fannifamu'uu fi du'uu ufiitiin isin araarse.
232:7; Qor. 1ffaa 15:58 Kun hundeeffamtanii, midhaaffattanii, abdii Dubbii Nagayaa ka dhageettan irraa uduu hin raafamne, amanti'iin dhaabattanii yoo jiraattan isinii ta'a. Dubbiin Nagayaa sunillee uumama sami'ii gad jiran maratti ka himame. Anillee Phaawuloos tajaajilaa isaa ta'e.
Phaawuloos Hujii Woldaa Kiristaanaatiif Dadhabe24 Efe. 3:1,13; Xim. 2ffaa 2:10 Ani amma waan keessaniif jedhee rakkachuu kiyyaan hin gammada. Waan nafa isaa jechuun waan woldaa Kiristaanaatiif foon kiyyaan rakkachuu Kiristoosiitiin waan hanqate anillee hin guuta.
25Waan keessaniif akkuma naaf kenname akka bulchaa mana Rabbiititti dubbii Rabbii raawwadhee akka himu, ani tajaajilaa woldaa Kiristaanaa ta'e.
26Rom. 16:25-26; Efe. 3:3-6,9 Dubbiin kunillee jalqaba dhalootaatii jalqabee dhossaa dhokatee ture; amma ammo woyyootatti mudhateera.
27Efe. 1:18; 3:17; Xim. 1ffaa 1:1 Rabbi dhossaa ufii ka ulfinna guutuu qabu kana, worra Yihuudota hin taane jiddu'utti namoota ufiititti mudhisuu barbaade. Dhossaan kunillee Kiristoosii isin keessa jiru. Kiristoos abdii ulfinnaati.
28Efe. 4:13 Nullee karaa Kiristoosiitiin nama guutuu ta'u maraa dhiyeessu'uuf, nama maraa gorsa'aa, namoota maraa ogummaa maraan barsiisa'aa ka lallabnu kana.
29Efe. 3:7,20 Waan kanaafillee akkasuma na irratti hunnaan akkuma hojjatu hujii isaatitti wondhaansa bayu'uun dadhaba.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.