Kitaaba Faaru'uu 56 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Rabbiin Hedata'aa KadhatanWeedduu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif sagalee «Handariin odaa fagoo jiru irra» jedhuun hennaa worri Filisxeemii Geetitti isa qaban dhiyaate.

1Yaa Rabbi! ani ka namoonni itti baldan ta'eera

garaa naa laafi;

guyyaa guutuu woraanaan na rakkisaniiran.

2Diintonni tiyya guyyaa guutuu na irra dhaabatan;

worri uf jaju'uun na woraanan

waan baay'ee ta'aniif.

3Hennaa sodaadhu

amantii kiyya si irra godhadha.

4Waaqa jecha isaa galatoonfadhu;

Rabbiin abdadheera; hin sodaadhu;

foon uffataan maal na godhuu danda'a?

5Guyyaa maraa dubbii kiyya dabsan;

hennaa maraa na miidhu'uuf mala natti dhayan.

6Dhara dhayan; hin riphan;

na duukaa deeman;

lubbuu tiyya balleessuu barbaadan.

7Yaa Rabbi! sirima akka jalaa hin baane;

banii lola keetiin salphisi.

8Mu'amuu kiyya galmeessi;

imimmaan kiyya meeshaa keetitti wolitti qabi;

maruu galmee kee keessatti qabameeraamii?

9Gaafa ani si waamu,

diintonni tiyya uf duuba deebi'an;

kanaan akka Waandhi na ladda dhaabate beeka.

10Waaqa dubbii isaa galtoonfadhu;

Rabbii dubbii isaa kabajju;

11Waaqa abdadheera; hin sodaadhu;

namni maal na godhuu danda'a?

12Yaa Rabbi! woreega keetitu

na irra jira;

ka ani sii dhiyeessullee ciincaa galataati;

13ifa jiraattotaa keessa;

Rabbiin afoo akka jiraadhu;

lubbuu tiyya du'a irraa;

luka tiyya sakaalamuu waan oolchiteef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help