1Waandhana!
akkuma borofni burqaa bisaanii hawwu,
anillee si arguu hawwa.
2Waaqa jiraataa'a!
lubbuun tiyya akkuma bisaan dhuganiititti si dheebotti;
ani yoom fuula kee argu'uuf gara kee dhufa?
3Diintonni kiyya yoo maraa «Waandhi kee eessa jira?» waan naan jedhaniif
halkanii fi guyyaa waan booyuuf
imimmaan kiyya akka nyaataa naa ta'e.
4Ani namoota baay'ee woliin isaan afoo deema'aa
gara mana Rabbii dhaqa;
worri ayyaana ayyaanteeffatan faarfata'aa
ililfata'aa Rabbii galata galchan;
ani akkaataa kanaan waan darbe hennaa yaadu
ani guddisee gadda.
5Lubbuu tiyya! maaf gaddita?
maaf na keessatti rakkatta?
abdii kee Waaqa irra godhadhu;
fayyisaa kiyyaa fi
6Waaqa kiyya
waan ganaa galatoonfadhuuf;
lubbuun tiyya na keessatti gadditeerti;
kanaaf biyya Yoordaanosiititti; tulluu Armooni'eemiititti;
gaara Miizaariititti si yaadadha.
7Laagaa fincaayaa keetii;
gad fageenni tokko gad fageenna biraa waama;
dambali'ii fi bubbeen maruu;
guutumaan guutu'utti na irra gara gale.
8Rabbi guyya'aan jaalala ufii ka bara baraa kenna
anillee halkan faaruu galataa isaa dhiyeessa;
Waaqa jiraataa na jiraachisu hin kadhadha.
9Rabbii goda kiyyaan!
«Maaf na irraanfatte?
diintonni kiyya na rakkisa'aa ani maaf gadda'aa jiraadha?» jedhaan.
10Diintonni tiyya guyyaa guutuu
« Waandhi kee eessa jira?» jedha'aa
dubbi'iin na wowworaanan;
lafeen tiyyallee hin bututte.
11Lubbuu tiyya maaf gaddita?
maaf na keessatti rakkatta?
abdii kee Waaqa irra godhadhu;
fayyisaa kiyyaa fi Waaqa kiyya
ganaa galatoonfadhaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.