1 1:24; Ibr. 12:15 Nu worra Rabbiin woliin hojjata waan taaneef badhaani Rabbii ka fudhattan akka duwwaa hin taane yaboo isiniin jenna.
2Isa. 49:8; Luq. 4:19-21 Rabbi,
«Hennaa malutti
ani si dhagayeera;
guyyaa fayyinnaallee,
ani si gargaareera!» waan jedhuuf;
Kunoo hennaan malu amma; guyyaan fayyinnaallee amma.
3Akka tajaajilli keenna mudaa hin qabaanne waan tokkottillee gufuu hin taanu.
44:8-11 Haa ta'uu ammo waa maraanuu akka tajaajiltoota Rabbiititti uf dhiyeessina. Jabaannee dhaabachu'uun, rakkinnaan, miidhamu'uun, dhiphachu'uun,
511:23-27; Hu. Er. 16:23; 19:29; 21:30 Tumamu'uun, hidhamu'uun, raafamu'uun, dadhabbi'iin, hirriba dhabu'uun, soomu'uun,
6Xim. 1ffaa 4:12 Qulqullinnaan, beekkumsaan, obsaan, arjumma'aan, Ayyaana woyyu'uun, jaalala fakkeessaa hin qabneen,
74:2; Rom. 15:19; Qor. 1ffaa 2:4; Efe. 6:14-17; Xim. 2ffaa 2:15 Dubbii dhuga'aatiin, hunna Rabbiitiin, meeshaa woraana qajeellumma'aa harka mirgaatii fi harka bita'aatitti qabachu'uun,
84:10-11 Ulfinnaa fi salphinnaan, maqaa badu'uu fi maqaa tolu'uun jiraanneerra. Nu worra dhuga'aa taanee uduu jiru dogoggorsitoota jedhamne.
9Far. 118:18 Worra hin beekkamne uduu jedhamnu nu ammo worra beekkame. Uduu waan duunu fakkaannu nu ammo jiraattota; hin adabamna malee hin ajjeefamnu.
108:9; Qor. 1ffaa 3:21; Filph. 4:12-13 Uduu worra gaddu taanu hennaa maraa hin gammanna. Hiyyeeyyii taanee namoota hedduu dureeyyii goona, worra womaa hin qabne fakkaannullee wonti maruu keenna.
11Isin namoota Qorontoosii! maraa addaata'atti isinitti himneerra; garaan keennallee isiniif badhateera.
12Isintu garaa nu dhoffate malee, nu garaa isin hin dhoffanne.
13Qor. 1ffaa 4:14 Isin ijoollee tiyya waan taataniif akkana isiniin jedha. Akkuma nu garaa keenna isinii banne, isinillee garaa keessan nuu banaa'a.
Worra Hin Amanne Woliin Wolitti Hin Hidhamin14 Kes. Deb. 22:10; Efe. 5:7,11 Worra hin amanne woliin deemsa hin tolleen wolitti hin hidhaminaa'a. Qajeellummaan dhara woliin firooma maal qaba? Ifnillee dukkana woliin tokkummaa maal qaba?
15Mot. 1ffaa 18:21 Kiristoos daabiloosiin woliin wolii galtee maal qaba? Yookaan ka amanu ka hin amanne woliin tokkummaa maal qaba?
16Ser. Lew. 26:11-12; Erm. 31:33; 32:38; His. 37:27; Yoh. 14:23; Qor. 1ffaa 3:16; 6:19 Manni Rabbii woyyuun waaqa tolfamaa woliin firooma maal qaba?
«Nu mana woyyuu Rabbii maraa olii waan taaneef, akkasuma Rabbi akkana jedhee dubbate;
«Ani isaan keessa jiraadha,
isaan wodhakkaa deddeebi'a;
Waaqallee isaanii ta'a.
isaanillee banii kiyya ta'an»
17Kanaafuu Gooftaan,
«Isaan keessaa baya'aa gargar fooyamaa'a;
waan battii hin tuqinaa'a.
anillee isin simadhaa;
18Abbaallee isinii ta'a;
isinillee ijoollee dhiiraatii fi ijoollee intalaa naa taatan»
jedha Gooftaan maraa bulchu
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.