1Ani hulee mataa Kiruubeeli'ii samii gubba'atti teessoo ulfinnaa ka dhagaa gatii gudda'aa ka Saampeer jedhamuun hojjatame arge.
15Hennaa Kiruubeel lafa irraa ol ka'an isaanillee mudhata uumama jiraattotaa ka laga Keebaarii biratti arge.
16Hennaa Kiruubeelonni socho'an miilli akka miila korbo'oo ka isaan woliin jiranillee wolumaan socho'an; hennaa Kiruubeelonni bararu'uuf koola ufii badhifatan miilli akka miila korbo'oo ka isaan ladda jiru gara biraa gara hin galan.
17Hafuurri uumama jiraattota sanniinii waan akka miila akka miila korbo'oo keessa jiruuf uumamni lubbuu qaban sunniin yoo dhaabatan miilli akka miila korbo'oo maruu wolumaan dhaabatan; yoo Kiruubeelonni lafaa ol ka'an miilli akka miila korbo'oo sunniinillee wolumaan ol ka'an.
18Kanaan maayessa ulfinni Rabbii hulee dhaaba mana woyyu'uu irraa ka'ee Kiruubeeliin irra dhaabate.
19Ani uduu waan kana laala'aaru Kiruubeelonni koola ufii badhisanii lafa irraa hennaa ol bayan miilli akka miila korbo'oo ka ladda isaanii jiran hennaa isaan woliin ol bayan arge; isaan gara dallaya balbala mana woyyu'uu ka gara baya biiftu'uutiin jiruu hennaa gayan hin dhaabatan; ulfinni Waaqa Israa'eliillee isaan irra jira.
20Kunniin uumama laga Keebaarii biratti Waaqa Israa'elii jalatti arge; ani akka isaan Kiruubeeliin ta'an beeke.
21Isaan maruu fuula afur afurii fi koola afur afur qaban; koola maraa jala waan akka harka namaa fakkaatutu jira.
22Fuulli isaanii fuula akka ani laga Keebaarii biratti argee fakkaatan; Kiruubeelonni maruu qajeelanii gara afo'oo deeman ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.