1 Hu. Er. 18:19-21; 19:1 Phaawuloosii fedha Rabbiitiin ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa worra Yesuus Kiristoositti amantanii Rabbiif woyyoota taatanii Efesooniin keessa jirtaniif.
2 Rom. 1:7 Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u.
Eebba Ayyaantumma'aa Ka Kiristoosiin Argamu3 2:6; Qor. 2ffaa 1:3 Kiristoosiin keessaan samii irratti eebba sami'ii maraan ka nu eebbise Rabbi Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu.
43:11; 5:27; Rom. 8:28-30; Qol. 1:22; Xim. 2ffaa 1:9 Uduu adunyaan hin uumamne afoo isaatitti woyyootaa fi worra mudaa hin qabneef jaalalaan akka jiraannuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.
52:4; Yoh. 1:12; Yoh. 1ffaa 3:1 Akkuma fedha ufii misha'aan nu jaalate, hujii Kiristoos Yesuusiitiin ijoollee isaa akka taanu firrisee murteesse.
6Mat. 3:17 Wonti ilma ufii jaalatamaa akkanumaan nuu kenneef akka ulfinni badhadhummaa isaa galatoonfamuuf kana godhe.
7Qol. 1:14 Akkuma durummaa Ayyaana Rabbiititti dhiiga Kiristoosiitiin furamuu, araara cubbuu keennaa arganne.
8Badhaadhaa fi ogummaa sammuu kenna maraa keessatti nuu dhangalaase.
93:9-10; Rom. 16:25; Qol. 1:26-27 Akkuma karaa Kiristoosiitiin hojjachuu jaalatetti akka yaada dhossaa fedha isaa wonti nutti beessiseef,
10Gal. 4:4; Qol. 1:20 Bara dhumaa keessa waan godhu'uuf karoorfate, waan ardi'ii fi samii irra jiru maraa, karaa Kiristoosiitiin wolitti qabu'uuf.
11Rabbiin waa maraa akka fedha ufiitii fi gorsa ufiititti hojjatu, akkuma duraan murteesse ammallee isaa akka taanuuf karaa Kiristoosiitiin nu filate.
12Hu. Er. 26:6-7 Kunillee karaa Kiristoosiitiin firrifnee nu worri abdii goone ulfinna galata isaa akka taanuuf.
13 4:30; Qor. 2ffaa 1:22; Qol. 1:5-6 Isinillee akkasuma dubbii dhuga'aa, innillee Dubbii Nagayaa keenna ka isin fayyise dhageettanii akkasuma Kiristoositti amantanii Ayyaana abdi'iitiin Ayyaana Woyyu'uun chaappeeffamtaniirtan.
14Qor. 2ffaa 1:22; 5:5; Phex. 1ffaa 2:9; Mil. 3:17 Ayyaanni waan Rabbi banii ufiitiif waadaa gale fudhachuu keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Rabbiitiif galata haa galchinuu.
Phaawuloos Worra Efesooniitii Rabbiin Kadhate15 Qol. 1:3-4 Kanaafuu anillee akkasuma isin biratti waan ta'uuf waan Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanu'uutiif jaalala isin woyyoota maraaf qabdan dhagayee,
16Filph. 1:3; Rom. 1:8; Qol. 1:3 waan keessaniif Rabbiin galatoonfata'aa hennaa Rabbiin kadhadhullee, waan keessan qaabachuu hin dhiisu
17Abbaan ulfinnaa Rabbiin Abbaa keenna Yesuus Kirstoosii akka isin isa beettan, Ayyaana Ogumma'aatii fi mudhata akka isinii kennu Rabbiin kadhadha.
184:4; Qol. 1:12,27 Kunillee ijji qalbii keessanii yoo banamtu, abdiin waamicha isaa maal akka ta'u ka woyyoota bira jiru,
19ulfinna risti'iitii fi durummaan maal akka ta'e, nu worra amannuuf ka hunnaan maraa caalu maal akka ta'e akka beettaniif.
20Far. 110:1; Phex. 1ffaa 3:22 Kiristoosiinillee worra du'an keessa yoo kaasu hangafumma'aa fi baalliillee, hunnaa fi gooftummaa maraa oliif adunyaa kana callaa irratti uduu hin taane,
21adunyaa dhufuufillee, akkasuma ammo maqaa waamamu maraa maqaa caalu sami'itti mirga ufii hennaa isa kaayu, hujii Kiristoosiin hojjattan jabeenni hunna isaa hin mudhata.
22Far. 8:6; Mat. 28:18; Qor. 1ffaa 15:26; Efe. 4:15; 5:23; Qol. 1:18 Waa maraa luka isaa jala galchee maraa olitti mataa godhee Woldaa Kiristaanaatiif kenne.
233:19; 5:30; Qor. 1ffaa 12:27; Qol. 1:19 Isiinillee ta karaa maraan guutummaa isaa guuttu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.