Kitaaba Iyyoobii 29 - Kitaaba Woyyuu

Himata Iyyoobii Ka Dhumaa

1Iyyoob ammallee akkana jedhe deebise,

2«Jireenni kiyya ka ammaa kun

jireenna duraan akka Rabbi itti na eega'aa ture san

uduu naa ta'ee hawwa!

3Hennaa dukkana keessa deemu san,

Rabbi ibsaa ufii naa ibsa'aa

ifa keessa deema'aa ture.

4Akka hennaa qaama guutu'uun jiruu;

akka hennaa Rabbi mana kiyya tissee san uduu ta'ee!

5Hennaa Waandhi maraa danda'u na woliin jiru,

hennaa ijoolleen tiyya na marsaniiran,

6Hennaa lutti tiyya dhadha'aan dhiqamtu,

hennaa ani qabeenna qabu ka aannaniin luka dhiqadhu,

hennaa munni woyini'ii ka lafa dhaga'aa irratti biqile

dhadhaa ejersaa ka akka lola'aa yaa'u naa kenna ture.

7Hennaa gara karra qachatti'ii bayu,

hennaa hulee itti gad bayan afoo teessoo kiyya kaayadhu,

8Ka'imman hennaa na argan kabajja'aaf na jalaa goran;

manguddoonnillee kabajjaa maqaa kiyyaatiif hulee taa'anii na jalaa ka'an.

9Bulchoonni bani'ii worri dubbii dubbatan

yoo na argan harka ufii afaan ufii irra kaayatanii cadhisan ture.

10Ajajoonni biyyaa hulee ani jirutti hin cadhisan;

arrabni isaanii hidhamee dubbachuu dadhaban ture.

11«ka na dhagaye maruu na jaje;

ka na arge maruu na galatoonfate.

12wonti kun maruu ta'eef waan iyya hiyyeeyyi'ii dhagayee gargaaree fi

ijoollee abba'aa fi haadha hin qabne waan irkiseef.

13Worra du'aaf qophaayan waan gargaareef na eebbisan;

dubartoota abbaan worraa jalaa du'e waan gargaaruuf gammachu'uun faarfatan turan.

14Qajeellummaa akka uffataatitti,

murtii sirrii ta'e akka woya'aatitti uffadhe.

15Worra ijji hin argineef ija;

worra hokkoluuf luka ta'e.

16Hiyyeeyyi'ii abbaa ta'e;

ormaafillee hin falma ture.

17Boqoo cubbama'aa hin cabse;

waan saamee fudhatellee afaan isaa keessaa buusisiise.

18«‹Umuriin kiyya akka shashare'ee baay'atee,

uduma mana kiyya keessa jiru ulfinnaan du'a› jedhee ture.

19Ani akka muka bisaan soqaa hidda ufii diriirsuutii fi

akka muka dameen isaa lalisuu ture.

20Hennaa maraa akkuma kabajjametti jiraadha;

hunni kiyyallee guyya guyya'aan haarawooma ture.

21Namoonni na dhagayu'uuf cadhisa;

gorsa kiyya dhagayu'uuf cadhisan ture.

22Dubbiin kiyya waan isaan quubseef

haga ani dubbadheen maayessa namni dubbatu hin jiru ture.

23Akkuma qonnaan bulaan rooba badheessaa hawwu

isaanillee dubbii kiyya dhagayu'uuf

afaan bananii na eegan ture.

24Ani isaanitti seeqannaan gammadan;

fuulli kiyya ifnaan fuulli isaanii ka gurraachate hiikkame.

25Ani akkuma ufii fedhetti isaan bulcha'aa ture;

akkuma mootii loltoota ufii masakkuutitti isaan masakka'aa ture;

hennaa gaddanillee isaan jajjabeessa'aa ture.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help