1-2Rabbi biyya Misiriitii jalqabee waan mootota maraatiif ana Ermiyaasitti natti dubbate; Iyyo'aaqeem Yihuudaa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti loltoota mootiin biyya Misirii Nikaa'u hulee Karkamish jedhamu ka laga Efraaxisii biratti duulchise akka Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii isaan mooyatu dubbiin Rabbi natti dubbate kana.
3«Wontee keessan qopheeffadhaa'a;
gara dirree lolaa deemaa'a;
4Faradoo teessan lugaama'aa faanoo irra ejjadhaa'a,
gulloo ulfinnaa godhadha'aa;
woraana keessan midhaaffadhaa'a;
uffata keessan ka lolaallee uffadhaa'a.
5Garuu wonti ani arga'aaru kun maali'i?
isaan sodaatanii uf irra dacha'aaran;
loltoonni isaanii mooyatamaniiran;
hulee maraanuu wonti nama sodaachisuu fi raafamni waan jiruuf
uduu uf duuba gara galanii hin laalle gara afo'oo dheessan.
6Garuu worri guddisanii fiiganuu dheessanii hin bayan;
worri jajjabaanillee uf hambisuu hin danda'an;
Efraaxisii gara kaabaatitti gufatanii kufan.
7Ka akka laga abbaayii utaalu,
ka akka bisaan guutee
dhangala'uu kun eennu?
8Ta akka laga Abbaayii kaatee fi
lanni guuttee daangaa maraa irratti yaatu tun biyya Misiriiti;
biyyi Misirii akkana jetteerti; ‹ani ka'ee adunyaa maraa woliin gaya;
qachootaa fi banii isii keessa jiraatu maraa hin balleessa.
9Akka faradoon gara afo'oo deeman,
konkolaataan fardaallee fiigicha nama sodaachisuun akka konkolaatan ajajaa'a;
namoota Itoophiya'aa fi Liibiya'aa wontee ufii qabatanii dhufanii fi namoota jajjabaa eboo darbatan
ka Liidiyaa keessaa dhufaniin wolitti
loltoota jabaatanii leenji'an ergaa'a» jedha Rabbi.
10Guyyaan kun guyyaa Rabbi Waandhi banii maraa filate;
inni adha diintota ufii adabee haluu baya;
guraadeen isaa
namoota heddu fixa;
dhiigaan maanxama;
Rabbi Gooftaan banii maraa
worra booji'aman ka gara kaabaa ka laga Efraaxisii biratti argaman ciincaa godha.
11Ati biyya Misirii ta akka durbaatitti laallamtu!
gara Gala'aadii deemi;
qoricha dibatan soqi;
qorichi kee maruu duwwa'a;
wonti si fayyisu sirima hin jiru.
12Baniin maruu salphinna kee dhagayaniiran;
baniin adunya'aa maruu iyya kee dhagayaniiran;
loltuun tokko loltuu biraa yoo gufachiise maruu wol qabatanii kufan.
Akkaataa Nabukadanatsoor Itti Dhufe13Rabbi Nabukadanatsoor mootiin Baabiloonii gara biyya Misirii dhufee akka balaa buusu'uuf ta'u akkana jedhee natti dubbate;
14«Qachoota biyya Misirii Megedoo, Meemfiisii fi
Xaafnaasitti dubbii kana labsi;
‹uf irraa dhooggu'uuf qophaayaa'a;
wonti naannaya keessan jiru maruu lolaan bada.
15Waandhi tolfamaan Aphis jedhamu ka isin jaba'a jettan maaf kufe?
waan Rabbi dhiibee isa kuffiseefii mii?
16Worri isaan jala deeman gufatanii wol irratti kufan;
isaan ‹guraadee diinaa jalaa dheessinee banii biyya keennaatitti
akka makamuu dandeennu haa ariifannuu› woliin jedhan.
17Mootii biyya Misirii maqaa haarawa ‹nama suuraa cadhisee odeessu ka hiree ufiititti hin fayyadamne› jedhuun waaman.
18Mootiin maqaan isaa ‹Rabbii Gooftaa banii maraa› jedhamu akkana jedha,
«Ani jiraata'a; akkuma gaarran jiddu'utti, Taaboor, qarqara galaanaatitti
Qarmeloos ol jedhanii mudhatan
akkasuma hunni isin irratti ol jedhee mudhatu hin dhufa.
19Isin banii biyya Misirii, waan booji'amtanii deemtaniif,
meeshaa keessan midhaaffadhaa'a;
Meemfiis diiggamtee gammoojjii namni keessa hin jiraanne taati.
20Biyyi Misirii akka raada qananiiteeti;
isiin qarxaasaa nama nyaatu ka gara kaabaatii dhufuun qabamti.
21Loltoonni isi'ii ta hori'iin qaxaraman akka mirgoolee qananiiteeti;
isaan uf irra gara galanii dheessan;
guyyaan murti'iitii fi badi'ii waan isaan irra gayeef,
jabaatanii loluu hin danda'an.
22-23Loltoonni diinaa hunnaan lola'aa hennaa dhiyaatan
biyyi Misirii akka bofa xiixuu laagaa dhageessisa'aa dheessiti;
akkuma namoonni bosona jaamaa ciran,
akkasuma isaaniillee dhagara'aan balaa isaanitti buusan;
baay'inni banii isaanii laakkobsaan irra hin gayamu;
baay'inni loltoota isaanii tuuta awwaannisaa caala.
24Banii biyya Misirii baniin biyya kaabaa waan mooyataniif isaan hin saalfatan;
ka waan kana dubbate ana Rabbi jedha» jedhee natti dubbate.
25Rabbi Gooftaan banii maraa Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Ani biyya Misirii waaqolee tolfamaa isi'iitii fi mootota isi'ii, Amoonii Waaqa Tebisii, mootii biyya Misiriitii fi worra isa hedatan maraa hin adaba.
26Ani mootii Baabiloonii ka isaan ajjeesuu barbaaduu fi loltoota isaa maratti dabarsee isaan kenna; kun ta'ee haga diqqoo tureen maayii akkuma armaan dura ta'e, biyyi Misirii deebitee ta namni keessa jiraatu taati; ka waan kana dubbate ana Rabbi.» Rabbi Banii Ufii Hin Oolcha
27Israa'el! ijoollee Yaaqoobii tajaajilaa kiyyaa!
hin sodaatinaa'a; abdiillee hin kutatinaa'a;
ani isin biyya fago'oo
fiixaa keessanillee biyya itti booji'amanii oolcha;
isin ammallee eennullee uduu isin hin sodaachisin
nagayaa fi gammachu'uun jiraattan.
28Israa'el tajaajiltoota tiyya ani waan isin woliin jiruuf
hin sodaatinaa'a!
ani banii biyya isin keessa bittinnooftanii
keessa jiraattan godhe maraa hin adaba;
Ani sirima isin hin balleessu;
isin qajeelchu'uuf garuu isin adaba;
uduu isin hin adabne isin hin dhiisu;
ka waan kana dubbate ana Rabbi.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.