Gara Ximootewoosii 1ffaa 6 - Kitaaba Woyyuu

1 Efe. 6:5-6; Tit. 2:9-10 Maqaan Rabbiitii fi barumsi isaa akka hin arabfamne, worri ba'aa garbumma'aa jala jiran maruu worra isaan bulchaniif akka ulfinni isaan barbaachisu haa laalanii.

2Film. 16 Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii; kanniin barsiisii gorsi.

Barumsa Sobaatii Fi Durummaa Dhuga'aa

3 Gal. 1:6-9; Xim. 2ffaa 1:13 Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagayaa, barumsa Rabbiin sodaachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka uf jaju'uun bokoke;

41:4,7; Xim. 2ffaa 2:14; Tit. 3:10-11 Rabbiin qoruun, dubbi'iin wol woraanuu lola hamaa uf keessaa qaba. Kanniin keessaa hinaaffaa, mormuu, nama arrabsuu, yaada bada'aa fi aaruu fa'a.

5Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodaachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu.

6 4:8; Filph. 4:11-12; Ibr. 13:5 Nama jiruun kiyya na gaya jedhuuf ammo Rabbiin fakkaachuun bu'aa gudda'a.

7Iyyo. 1:21; Lal. 5:15 Nu gara lafa tanaa womaa waan hin finneef womaa fudhachuu hin dandeennu.

8Mam. 30:8 Haa ta'uu ammo yoo waan nyaannuu fi waan uffannu qabaanne nu gaya.

9Mat. 13:22; Mam. 28:20,22; Luq. 12:20 Worri dureeyyii ta'uu barbaadan ammo gara qormaataatii fi gara siibo'oo, akkasuma gara namoota diigu'uutii fi gara waan nama liqimsuu fedha duwwa'aa fi hama'atti kufan.

10Mat. 6:19; Luq. 12:15; Efe. 5:5 Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantii ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.

Gorsa Phaawuloos Ximootewoosii Kenne

11 Xim. 2ffaa 2:22 Ati ammo namni Rabbii kana irraa dheessi; qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantii, jaalala, jajjabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi.

121:18; Xim. 2ffaa 4:7-8; Filph. 3:12-14; Qor. 1ffaa 9:25-26; Ibr. 12:1 Lola amanti'ii mishaa loli; jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu.

13Mat. 27:11; Yoh. 18:36-37 Rabbi waan maraa lubbu'uun jiraachisu'uuf, Yesuus Kiristoosii Philaaxoosii Pheenxenicha afo'otti amanamummaa mishaa rage afo'otti si ajaja.

14Tas. 1ffaa 3:13 Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos haga mudhatuuf, xuri'ii fi mudaa tokko malee jiraachu'uun ajaja eegi.

15Mudh. Yoh. 17:14; 19:16; Kes. Deb. 10:17 Mudhata ufii san hennaa ufiititti woyyu'uu fi ka hojja ufiititti bulchaa ta'e, mootii moototaatii fi Gooftaan gooftotaa hin mudhisa.

16Yoh. 5:26; Ser. Ba'u. 33:20 Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haa ta'uu Amiin!

17 Iyyo. 31:24; Far. 62:10; Mat. 6:19-21; Mar. 10:23-25; Luq. 12:15-21; Yaq. 1:10 Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbii jiraata'aan akka gammannu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.

18Ibr. 13:16 Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,

19Mat. 6:20; Luq. 16:9 waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi.

20 4:7; Xim. 2ffaa 1:14; 2:14,16 Ximootewoosii kiyya! «Beekkumsa» soba jedhamu, ka duwwa'aa odeessu'uu fi mormii duwwaa adunyaa tanaa tolu irraa fagaata'aa yaboo sitti kenname eegi.

211:6,19; Xim. 2ffaa 2:18 Namoonni gari gariin beekkumsa kana qabna jedha'aa amantii irraa dogoggoraniiran. Badhaani Rabbii si woliin haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help