Kitaaba Iyyoobii 25 - Kitaaba Woyyuu

Deebii Baldaadoosii

1Baldaadoos namni biyya Shuha'aa akkana jedhee deebise,

2«Baalliinii fi sodaatamuun ka Rabbiiti;

ol aantummaa ufiitiin nagaya buusa.

3Baay'inna loltoota isaa laakkawuun danda'amaa?

ka ifni isaa hin ifneef hoo eennu?

4Namni attamitti Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'uu danda'a?

ka nama irraa dhalate attamitti qulqulluu ta'uu danda'aa?

5Addeessinuu Rabbiin afo'otti ifa guutu'uu miti.

urjiiwwanillee isa afo'otti qulqullootaa miti.

6Eegasuu namni du'ee shamuu fi raammayu

attamitti kanaa gad hin taane ree?»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help