Abboota Murti'ii 12 - Kitaaba Woyyuu

Yooftaahe'ee Fi Worra Gosa Efreemii

1Namoonni Efreemii lolaaf qophaayanii laga Yoordaanosii ceeyanii haga Tsifooniin gayan Yooftaahe'een, «Ijoollee Amooniitiin lolu'uuf hennaa daangaa luftee deemtu nu akka si woliin deemnu maaf nu waamuu didde? mana kee si irratti gubna!» jedhaniin.

2Yooftaaheen, «Anii fi baniin kiyya ijoollee Amoonii woliin gadoo guddaa qabna, hennaan ani isin waame, isin isaan jalaa na hin oolchine;

3akka isin na oolcha'aa hin jirre argee lubbuu tiyya irraa bayee gara ijoollee Amoonii ceeye; Rabbillee harka kiyya irratti isaan kuffise; isin garuu adha maaf naan lolu'uuf gara kiyya dhuftan?» isaaniin jedhe.

4Achiin maayessa Yooftaaheen namoota Gala'aadii wolitti qabee namoota Efreemiititti balaa buusee isaan mooyate; namoonni Efreemii, «Isin worra Gala'aadii ka bulchiinsa Efreemiitii fi Minaase'ee keessa jiraattan ka Efreemiin waakkattanii dhuftan» isaaniin jedhee isaan dhaye.

5Worri Gala'aadii karaa laga Yoordaanosii ka worri Efreemii ceewuun isaan jalaa qaban; namni Efreemii dheessee dhufee tokko na ceesisaa'a hennaa jedhuun namoonni Gala'aadii, «Ati nama Efreemiitii?» jedhaniin; inni garuu, «Ani nama Efreemiitii miti» jennaan,

6isaan, «Shibooleet jedhi» jedhaniin; inni garuu kolbatti qajeelchee jechuu waan hin dandeenneef, «Siibooleet» jedhe; yoo san isa qabanii laga Yoordaanosii karaa ceeyaniin biratti goorra'aniin; hennaa san namoota Efreemii keessaa namoota kuma afurtamii lamaa akka kanaan fixan.

7Namni gosa Gala'aadii Yooftaaheen Israa'eliin haga woggaa jahaa bulcheen maayessa du'ee qachoota Gala'aadii keessaa qachaa tokkotti awwaalame.

Ibxaan, Eeloomii Fi Abdoon

8Isaan maayessa Ibxaanii nama Beetaliheemiititu bulchaa Israa'elii ta'e;

9inni ijoollee dhiiraa soddomaa fi ijoollee intalaa soddoma qaba; ijoollee intalaa soddomman isaa sanniin nama gosa isaa hin taanetti heerumsiise; ijoollee ufii ta dhiiraatiifillee akkasuma nama gosa biraa isaanitti fuudhe.

10Ibxaan, Israa'eliin woggaa torbaa bulchee du'ee Beetaliheemitti awwaalame.

11Isaan maayessa Eeloomii nama gosa Zaabilooniititu Israa'eliin irratti mootii ta'e; inni haga woggaa kudhanii Israa'eliin bulche.

12Eeloomiin nama gosa Zaabiloonii du'ee lafa biyya Zaabiloonii jirtu ta Eeloomiititti awwaalame.

13Isaan maayessa Abdoonii ilma Hileelii nama gosa Phiri'aatooniititu Israa'eliin bulche;

14inni ijoollee afurtamaa fi ilmaan ilmaan isaa soddoma qaba; kunniin maruu namoota harriin torbaatamaa yaabbatan turan; Abdoon Israa'eliin woggaa saddeeti bulche.

15Kanaan maayessa Abdoon ilmi Hileelii nama gosa Phiri'aatoonii du'ee lafa Amaaleqii ka biyya gaaraa Phiri'aatoonii ta Efreemiin keessa jirtutti awwaalame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help