Kitaaba Faaru'uu 6 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatitti kenname ka kiraara sagalee guddaa dhageessisuun iskeelii saddeetesso'oon faarfatan

1Yaa Rabbi! lolaan na hin xixin;

balaa keetiinillee na hin adabin.

2Yaa Rabbi! Ani waan hunna hin qabneef garaa naa laafi;

Yaa Rabbi! lafeewwan kiyya diiggamaniiranii;

na fayyisi.

3Yaa Rabbi! lubbuun tiyya guddiftee raafamteerti;

eeganaa haga yoomiiti?

4Yaa Rabbi! deebi'ii lubbuu tiyya hambisi;

jaalala kee jaba'aaf jedhii na oolchi.

5Worra du'e keessaa ka si yaadatu waan hin jirreef;

awwaala keessallee taa'ee ka si galatoonfatu eennu?

6Ani baay'inna gadda kiyyaatiin dadhabeera;

waan guddisee booyuuf

halkan maraa sireen kiyya imimmaaniin jiidha;

boraatiin tiyyallee hin jiiti.

7Ijji tiyya baay'inna gadda kiyyaatiin dadhabdeerti;

sababaa diintota kiyya maraatiif arguu dadhabde.

8Rabbi laagaa booyicha kiyyaa waan dhagayeef

isin hammeeyyiin waan badaa hojjattan na irraa fagaadhaa'a!

9Rabbi kadhaa kiyya naa dhagayeera;

Rabbi kadhaa kiyya naa deebisa.

10Diintonni tiyya maruu hin salphatan;

guddisanii nayan; karaa dhufaniin deebi'an;

dimmaa salphatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help