1Hennaa Daawiti Saa'olii ilma Qiisii jalaa dheessee gara biyya Tsiqlaagii ture, worra dhaqee isa woliin achi ture keessaa jajjaboonni loltootaallee isa woliin turan.
2Worri buundhee tokkosu, worri furaanfurrisaan darbatu, bita'aa fi mirgaanillee darbatuu danda'an turan; worra gosa Biiniyaamii keessaallee ijoolleen Saa'oliillee isaan woliin jiran.
3-7Bulchaan isaanii Ahi'eezii fi Iyyoo'aas,
Yizi'eelii ijoollee Shama'aa gosa Gibi'a'aa,
Faaleexi, Barakiyaa ijoollee Aazmootii,
Iyyuu gosa Anaatotaa,
Samayaasii gosa Gabaa'oonii,
Inni bulchaa namoota jajjabaa Soddomman sanniinii ture,
Ermiyaas, Hizi'eeli, Yohaanaa,
Yoozaabaatii gosa Gadirootaa,
Eeluuzaayi, Iyyaarimuuti, Ba'aaliyaa, Samaarayaa,
Safaaxiyaasii gosa Haaruufii fa'a.
Hilqaanaa, Yishiyaa gosa Qore'ee, Azari'eeli, Yoozaari,
Yashoobi'aamii nama Geedoorii,
Yoo'eelaa ijoollee Yirohaamiitii fi Zibaadiyaa fa'a.
Gosa Gaadii keessaa Namoota Daawitiin Faanaa Deeman8Daawiti Kushee lafa gammoojji'ii keessatti argamu keessa uduu jiru worri loluu danda'an ka gurra bayan dhufanii Daawitiin gargaaran worra wonte'ee fi woraanaan loluu beekanii fi worra akka leencaatitti nama sodaachisanii fi worra akka kuruphe'eetitti utaalan turan.
9Bulchaan isaanii Exeeri, lammeessoon Abiyuudi,
10sadeessoon Eeliyaabi, arfeessoon Masmanaa,
11shaneessoon Ermiyaas, jaheessoon Aataayi,
12torbeessoon Eli'eeli, saddeetessoon Yohaanaan,
13sagaleessoon Eelzaabaadi, kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Makibanaayi.
14Worra gosa Gaadii ta'an keessaa namoonni hagoon worra loltoota kumaa ajajuu fi worra loltoota dhibbaa ajaju;
15worri ji'a jalqabaa irratti hennaa lanni Yoordaanosii qacce'ee ka'ee haga qacce'eetitti guute ceeyan kanniin. Isaan kunniin worra dhooqa keessaa cinaa gara baya biiftu'uutii fi cinaa gara dhiya biiftu'uutiin jiran maraa ari'an.
Worra Gosa Biiniyaamiitii Fi Yihuuda'aa Ka Daawitiin Faanaa Deeman16Gaafa tokko namoonni hagoon gosa Biiniyaamiitii fi gosa Yihuuda'aa keessaa wol gayanii gara kushee Daawiti jiruu dhaqan.
17Daawiti gara isaanii dhiyaatee «Yoo wonti isin gara kiyya dhuftaniif na gargaaru'uuf ta'e misha'a; gammachu'uun isin simadha; nu woliin ta'aa'a, yoo uduu ani womaa isin hin goone diina kiyyatti dabarsitanii na kennu'uuf taatan garuu Waandhi abboota teenna ta durii argee haa murteessu» isaaniin jedhe.
18Hafuurri Woyyuun Rabbii
bulchaa namoota soddomaa Amaasaayiin irratti bu'e; Innillee,
«Daawiti! nu keeti!
Ilma Isseyii! Nu si woliin jirra!
Si'ii fi worra si gargaaran maraafuu nageenni haa ta'u!
Rabbi si bira dhaabatee si gargaara!»
jedha'aa laagaa ufii ol qabatee iyye; Daawitille gammachu'uun isaan simatee bulchootaa fi loltoota ufii isaan taasise.
19Hennaa Daawiti worra Filisxeemii woliin Saa'oliin lolu'uuf baye loltoonni hagoon worra gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin gargaaru'uuf deeman; bulchoonni worri Filisxeemii garuu «Daawiti nu ganee gara Saa'olii gooftaa isaa ka duriititti deebi'a» jedhanii waan sodaataniif haga mari'ataniin maayessa gara Tsiglaagii akka deebi'u godhan.
20Gosa Minaase'ee keessaa Daawiti hennaa deebi'e maqaan loltoota gara isaa deebi'anii Adinaa, Yoozaabaati, Yidi'eeli, Mikaa'eli, Yoozaabaati, Elihuu fi Xaltaayi fa'a; kunniin maruu hennaa bulchiinsa Minaase'ee jala jiraatan worra loltoota kumaa ajaju turan.
21Kunniin maruu loltoota jajjabaa gurra bayan; hennaa loltoonni diina isaa isa miidhan Daawitiin gargaara'aa turan.
22Isaan guyya guyya'aan dhufa'aa loltoota Daawitiititti waan eda'amaniif loltoonni Daawitii guyya guyya'aan baay'atanii jabaata'aa deeman.
Baay'inna Loltoota Daawitii23Hennaa Daawiti Keebrooniin keessa jiru loltoonni leenji'an baay'een loltoota Daawitiititti eda'aman; akkuma Rabbi abdii isaa kenneetitti akka bikka Saa'olii moowu gargaarsa guddaa godhaniif.
24Gosa Yihuuda'aa keessaa worri wonte'ee fi woraana hidhatan loltoota kuma jahaa fi dhibba saddeeti.
25Gosa Simoonii keessaa worri kolbatti leenji'e loltoota kuma torbaa fi dhibba tokko.
26Gosa Leewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaha.
27Worri fiixaa Aaroonii ka Yoodaahee faanaa deeman loltoota kuma sadihii fi dhibba torba.
28Isa woliin ka'imticha jabaa Saadooqi jedhamutu ture; mana abbaa isaa keessaa bulchoota loltootaa diddamii lamatu ture.
29Gosa Biiniyaamii ka obboleessa Saa'olii keessaa namoota kuma sadihiiti;
garuu namoonni baay'een gosa Biiniyaamii amanamummaa Saa'olii qaban hin dhiifne.
30Gosa Efreemii keessaa loltoota kuma diddamaa fi dhibba Saddeeti; isaan maruu gosa ufii keessatti loltoota jajjabaa gurra bayan turan.
31Worri gosa Minaase'ee keessaa Daawitiin moosisu'uuf gara dhiyaatii dhufe namoota kuma kudha saddeeti.
32Gosa Yisaakoorii keessaa worri ogeeyyiin bara beekan, bulchoota dhibba lamaa yoo ta'an worra bulchiinsa isaanii jala jiran maraa wolitti qabata.
33Gosa Zaabiloonii keessaa worri amanamtoonninii fi worri hedataman, worri meeshaa woraanaa kamiinuu fayyadamuu danda'aanii fi worri lolaaf qophaayan loltoota kuma Shantamaati.
34Gosa Niftaalemii keessaa bulchoota loltootaa kuma tokkoo fi loltoota wonte'ee fi woraana qabatan kuma soddomii torbaati.
35Gosa Daanii keessaa loltoonni leenji'an namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaha.
36Gosa Aseerii keessaa loltoonni lolaaf qophaayan namoota kuma afurtamaati.
37Gosa Roobeelii, ka Gaadiitii fi ka Minaase'ee, Worra Yoordaanosiin gara baya biiftu'uutiin jiran, worri meeshaa lolaa maraanuu fayyadamuu danda'an loltoota kuma dhibbaa fi diddamaa turan.
38Kunniin maruu Daawitiin worra Israa'elii maraa irratti moosisu'uuf worra lolaan beekkamee fi loltoota lolaan gurra bayan ka onnee guutu'uun gara Keebroonii dhaqan; akkasuma worri Israa'elii ka hafe maruu Daawitiin moosisu'uuf onneen isaanii tokko ture;
39obboleewwan isaanii waan nyaataatii fi waan dhugan waan isaanii qopheessanii turaniif haga guyyaa sadihii nyaata'aa dhuga'aa Daawitiin woliin turan.
40Akkasuma waan worri Israa'elii guddisanii gammadaniif worri gosa Yisaakoorii, worri gosa Zaabilooniitii fi worri gosa Niftaalemii ka isaanitti dhiyoo jiran waan nyaatan Daakuu, Muka hurbu'uu, Daraaraa Zabiibii, Harree, Farda, Gaange'ee fi Sanga'atti daadhii woyini'iitii fi dhadhaa ejersaa fe'anii fidan; Horii, Hoolotallee qabatanii dhaqan; kunniin maruu gammachuu banii biyya san keessa jiru maraati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.