Kitaaba Mootota ka 2ffaa 13 - Kitaaba Woyyuu

Mootii Israa'elii Iyyoo'akaaz

1Ilmi Akaaziyaasii Iyyoo'aas mooyee woggaa diddamii sadeesso'ootitti ilmi Iyyu'uu Iyyoo'akaaz Israa'eliin irratti mooye; hulee jireennaa Samaariyaa godhatee woggaa kudha torbaa bulche;

2Innillee akkuma Iyyoorbi'aamii ilma Naabaaxii ka isa dura turee cubbuu hojjatee Rabbiin yakke; banii Israa'eliillee gara cubbu'uu oofee ufiillee waan hamaa hujuu hin dhiifne.

3Kanaaf Rabbi banii Israa'eliitiin lolee dabarsee bara jiraatan maraa harka mootii Sooriya'aa Azaaheelii fi ilma isaa Wolda'aadeeriif kenne.

4Achiin maayessa Iyyoo'akaaz Rabbiin kadhatee Rabbi rakkinna mootiin Sooriya'aa isaan irra geesse waan argeef kadhaa isaa dhagayeef.

5Kanaaf Rabbi Mootii Israa'eliif worra Sooriya'aa jalaa baasu ergeef; achiin maayessa worri Israa'elii akkuma duraa qe'ee ufii keessa nagayaan jiraatan.

6Garuu worri Israa'elii cubbuu mana Iyyoorbi'aamii irraa hin fagaanne; akkasuma fakii dubartii waaqa tolfamaa Asheeraa jedhamtu Samaariya'atti waaqeffatan.

7Iyyoo'akaazi worra fardaa shantama, worra konkolaataa fardaa kudhanii fi loltuu kuma kudhanii malee ka biraa hin hafneef; sababaan wonti kun ta'eef waan loltoota kaawwan mootiin Sooriya'aa akka buraa midhaan oobdi'iititti jalaa bulleesseef.

8Jabeenni mootiin Iyyoo'akaaz raawwate ka biraa maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

9Iyyoo'akaaz du'ee Samaariya'atti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Yoo'aasitu mooye.

Mootii Israa'elii Yoo'aas

10Mootiin Yihuuda'aa Iyyoo'aas mooyee woggaa soddomii torbeesso'ootitti ilmi Iyyooka'aazii Yoo'aas Israa'eliin irratti mooye; inni teessoo ufii Samaariyaa godhatee woggaa kudha jahaa bulche.

11Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjatee cubbuu Naabaaxiin ilmi Iyyoorbi'aamii hojjate faanaa bu'e malee cubbuu irraa hin deebine.

12Wonti biraa ka Iyyoo'aas raawwate, akkasuma jannummaan isaallee galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffame.

13Kanaan maayessa Iyyoo'aas du'ee Samaariyaa hulee awwaalaa ta abboonni isaa itti awwalamanitti awwaalame; bikka isaa Iyyoorbi'aamitu mooye.

Eelsaa'i du'e

14Eelsaa'i dhibee badaa dhibame; mootiin Israa'elii Iyyoo'aas gara isaa gad bu'ee «Abbaa kiyya! abbaa kiyya! ati Israa'eliif hunna, gaachenaa fi wontee isaaniiti!» jedhee booyeef.

15Eelsaa'i mootichaan «Ebo'oo fi buundhee fudhu» jedheen; innillee ebo'oo fi buundhee fudhate;

16Mootii Israa'eliitiin, «Eboo kee jabeessii qabadhu» jedheen; innillee jabeessee qabate; Eelsaa'i harka ufii mooticha irra kaayee,

17«Foddaa gara ija bariisa'aatiin jiru banii darbadhu» jedheen; innillee hin darbate; kun eboo Rabbii fayyisa'aati; sababaa keetiin Rabbi worra Sooriya'aa dhaya; ati worra Sooriya'aa haga mooyattutti qachaa Afeeqii keessatti isaaniin lolta!» jedhe.

18Ammallee «Buundheewwan biraa fudhadhuu lafaan dhayi!» jedheen. Mootichillee lafa harka sadihii dhayee dhaabe.

19Wonti kun Eelsaa'iin hin aarse; kanaafuu uduu hennaa shan yookaan hennaa jahaa dhoofteerta ta'ee silaa worra Sooriya'aa dhooftee mooyatta turte; amma garuu hennaa sadihi calla mooyatta» jedhe.

20Eelsaa'i du'ee awwaalame; worri biyya Moo'aabiitii balaa buusu'uuf wogga wogga'aan dhufan biyya Israa'elii seena'aa turan.

21Hennaa woyii uduu nama woyii awwaala'aaran worra balaa buusu sanniin keessaa gareen woyii uduu dhufu arganii reeffa awwaala'aaran awwaala Eelsaa'ii keessatti darbanii dheessan; reeffi sun akkuma lafee Eelsaa'ii tuqeen yoosuu du'aa ka'ee dhaabate.

Lola Israa'elii Fi Sooriyaa Jiddu'utti Ta'e

22Iyyoo'akaaz bara ufii mootii ta'ee bulche maraa Azaahel mootiin Sooriya'aa worra Israa'elii gad qabee rakkisa'aanii ture.

23Rabbi garuu arjumma'aa fi araara isaanii godhee isaan gargaare malee akka isaan badaniif isaan hin dhiifne; wonti kana godheef waan waadaa Abrahaam Yisaaqii fi Yaaqoobii banii ufii hin irraanfanneef.

24Mootiin Sooriya'aa Azaahel haga du'e bikka isaa ilma isaa Wolda'aadeertu mootii ta'e.

25Asiin maayii mootiin Israa'elii Iyyoo'aas Wolda'aadeeriin harka sadihii mooyatee qachoota bara abbaan isaa bulchu qabatee ture maraa deebise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help