Kitaaba Iyyoobii 5 - Kitaaba Woyyuu

1« Iyyoob! mee waami ka si jalaa awwaatu jiraa?

qulqulloota keessaa gara eennuu dhaxxa?

2Nama gowwaa aari'itu ajjeesa;

ceem'aalessa hinaaffa'atu balleessa;

3Namni gowwaan ka uf ijaaree jiraatu arge;

garuu dimmaa lola Rabbiitiin manni isaa abaarame.

4Ijoolleen waan wobiin isaan irraa fagaateef

bakka murti'iititti miidhaan isaan irra gaye;

worra isaan oolchu waan hin qabneef.

5Waan inni wolitti qabate beelaya'atu nyaata;

kama qoree keessatti biqilellee isaa hin dhiisan;

worri dheebotan qabeenna isaa fudhachu'uuf hawwan.

6Rakkinni biyyee keessaa hin dhufu;

gideenillee lafaa hin biqilu.

7Namni akkuma qaanqee ibiddaa

qilleensa keessa naannayu'uuf rakkinnaaf dhalate.

8Ani garuu uduu si ta'ee Rabbiin kadhadha ture;

waan kiyyallee Rabbitti dhiyeeffadha ture.

9Inni waan guddaa hin qoratamnee fi

maalalee hin laakkayamne godha.

10Lafa irratti rooba roobsa

lafa qonnaallee bisaaniin jiisa.

11Worra salphatan ulfinnaan ol isaan qaba

worra gaddan gara hulee amansiisutti isaan baasa.

12Hujiin isaanii akka isaanii hin qajeelle yaada dhartootaa duwwaa godha.

13Ogeeyyii ogummaa isaanii ka dharaatiin isaan qaba;

gorsa hammeeyyi'iillee dafee balleessa.

14Guyya'aan isaanitti dukkanaaya;

guyyaa adi'iin akka waan halkaniititti rifatan.

15Hiyyeeyyii hunna guraadee diina isaanii

jalaa isaan oolcha.

16Hiyyeeyyi'ii abdii kenna;

hammeenna garuu lafa irraa balleessa.

17Namni Rabbi adabu eebbifama'a!

kanaafuu lola Waaqa kee ka maraa danda'uu hin tuffatin.

18Inni hin cabsa; deebisee yaala;

nama madeessa; harki isaa nama fayyisa.

19Balaa jahan keessaa si hambisa;

torbeessoo keessattillee hamaan woyiituu si irra hin gawu.

20Hennaa beelaa du'a jalaa,

lola keessatti guraadee jalaa si hambisa.

21Arraba hamaa jalaa si dhossa;

Badiinillee yoo dhufe hin sodaattu.

22Badi'ii fi beela irratti hin kolfita;

busaayaa lafa gammoojji'ii hin sodaattu

23Lafa qotattu irratti dhagaan si hin rakkisu,

busaayaa lafa gammoojji'iitiinillee wolii galta.

24Daasee kee keessa akka nageenni baay'ate hin beetta.

moonaa kee hin tooyatta wonti tokkollee si jalaa hin dhidhatu.

25Fiixaan kee akka guddaa ta'u,

Dhalli keellee akka marga lafaatitti akka baay'atu hin beetta.

26Akkuma qamadiin haga haamamuuf maasaa keessa turu,

atillee jaarrumaan woggaa dheeraa lafa irra jiraatta.

27Nu'u waan kana maraa qorannee akka dhugaa ta'e argineerra.

Atillee hubadhuu hujii irra oolchi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help