1Waandhana! onneen tiyya jabdu'u;
hin faarfadha; garaa kiyya guutu'uun
faarfadha.
2Kiraarri sagalee guddaa dhageessisuu fi
masiinqoon ka'aa'a;
anillee obboro'oon ka'aa.
3Yaa Rabbi! banii jiddu'utti
si galatoonfadha;
banii jiddu'uttillee si faarfadha.
4Jaalalli kee samiiwwan gubba'atti guddaa waan ta'eef;
amanamummaan keellee haga ardi'ii gaya.
5Waandhana! samiiwwan irratti ol ol jedhi;
ulfinni keellee ardii maraa irratti haa babadhatu.
6Baniin ati jaalattu akka fayyu,
harka kee ka mirgaatiin oolchi;
naa deebisi.
7Rabbi mana woyyuu ufii keessaa akkana jedhe;
«gammada'aa Seekemiin haada itti buusa;
dhooqa Suukootiinillee hin bikka.
8Gala'aad kiyya; Minaaseenillee kiyya;
Efreem gulloo kiyya ka sibiilaati;
Yihuudaan ulee ani ittiin bulchu.
9Moo'aab gongaa ani itti dhiqadhu;
Edoomiyaasiin irratti kophee kiyya darbadha;
worra Filisxeemii irratti
mootee kiyyaan dhaadadha.
10Gara qachaa ijaaramtee
eentu na fida?
gara Edoomiyaasii eentu na geessa?
11Yaa Rabbi! ka nu gate si'iimii?
Waandhana; loltoota teenna woliin bayuu didde.
12Ammallee fayyisuun namaa waan duwwaa ta'eef;
diina keenna irratti mootee nuu kenni.
13Yoo Rabbi nu gargaare hin jabaanna;
Ka diina keenna luka ufii jalatti
gad dhiitu isa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.