Seera Bayu'uu 7 - Kitaaba Woyyuu

1Rabbi Muuse'een, «Ila ani Fari'ooniin irratti akka Waaqaa akka taatu si taasisa; obboleessi kee Aaroon raagaa sii ta'a.

2Waan ani sitti hime maraa ati isatti himta; obboleessi kee Aaroon akka Fari'oon ijoollee Israa'elii gad dhiisu isa woliin dubbata;

3garuu ani onnee Fari'oonii hin jabeessa; biyya Misiriititti maalale'ee fi baasa kiyya baay'eessa.

20Muuse'ee fi Aaroon akkuma Rabbi isaan ajaje godhan; Aaroon ulee ufii kaasee Fari'oonii fi garboota isaa afo'otti bisaan lagaa dhaye; bisaan lagaa maruu jijjiiramee dhiiga ta'e.

21Qurxummiin laga keessa jiran maruu hin dhuman; lannillee hin ajaaye; worri biyya Misirii bisaan lagaa dhuguu dadhaban; dhiinni biyya Misirii maraa irra ture.

22Mortoonni biyya Misiriillee asmaa ufiitiin akkasuma godhan; akkuma Rabbi dubbate onneen Fari'oonii jabaatee isaan dhagawuu dide.

23Fari'oon deebi'ee gara mana ufii gale; waan kana womattuu hin laakkofne.

24Baniin biyya Misirii maruu bisaan lagaa waan dhuguu dadhabaniif laga san biratti bisaan dhugan baafachu'uuf boolla qotan.

25Haga Rabbi bisaan lagaa dhayeen maayessa guyyaan torba raawwatame.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help