Seera Laakkobsaa 7 - Kitaaba Woyyuu

Kennaa Bulchoonni Fidan

1Muuseen hulee bulti'ii ijaaree ufii fi mi'a maraa haga muudee woyyoomseen maayessa; hulee ciinca'aatii fi meeshaa maraa haga woyyoomseen maayessa,

2bulchoonni worra Israa'elii, bulchoonni hortee manniin abboota isaanii kennaa ufii dhiyeessan; kunniin haga laakkayamanii ol worra bulchaa gosootaa turan.

3Isaanillee kennaa ufii Rabbiin afoo dhiyeessan; kennaan isaan Rabbii fidanillee maqaa bulchoota lamaaniitiin konkolaataa fardaa tokko, akkasuma maqoota bulchaa maraatiinuu sangaa tokko, konkolaataa fardaa jahaa fi sangoota kudha lamaa dhiyeessan.

4Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

5«Akka hujii daasee wol gayi'iitiif ta'u isaan irraa fuudhiitii worra Leewwotaatiif akkaataa hujii isaaniitiin kenniif.»

6Kanaaf Muuseenillee konkolaataa fardaatii fi sangoota fuudhee worra Leewwotaatii kenne.

7Ijoollee Geedisooniitiif ammo akkuma hujii isaaniitiin konkolaataa fardaa lamaa fi sangoota afur kenne.

8Ijoollee Meeraarii ka ilma gadicha Aaroonii Itaamiriin jala jiraataniifillee akkuma hujii isaaniitiin konkolaataa fardaa afurii fi sangoota saddeetii kenneef.

9Ijoollee Qa'aatii ammo isaan waan mana woyyuu keessatti hojjataniif waan gurmu'utti baadhataniif womaa isaanii hin kennine.

10Gaafa hulee ciinca'aa muudan bulchoonni hulee ciinca'aa woyyoomsu'uuf kennaa dhiyeessan; bulchoonni kennaa ufii gara hulee ciinca'aa dhiyeessan.

11Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Bulchoonni hulee ciinca'aa woyyoomsu'uuf namni maruu kennaa ufii guyya guyya'aan haa dhiyeessuu.»

12Guyyaa jalqabaa namni kennaa ufii dhiyeessu gosa Yihuuda'aa keessaa ilma Aminaadaabii Na'aasoon ture;

13kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame akka madaala mana woyyu'uutitti saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa,

14keree birrii irraa hojjatame saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii,

15ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa re'e'ee ka woggaa tokkoo,

16korbeessa re'e'ee ka ciincaa fayyumma'aatiif dhiyaatu, sangoota lamaa,

17korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan dhiyeesse ilmi Aminaadaabii Na'aasoon kennaa kanniin Rabbii dhiyeesse.

18Guyyaa lammeesso'oo ilma Soogaarii Natinaa'eel ka bulchaa Yisaakooriititu dhiyeesse.

19Kennaan dhiyeesse sun daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa ta'e keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame,

20ka hixaanaan aarsan saqilii kudhan, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame,

21jibicha tokko ciincaa ciincawuuf, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,

22korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu,

23sangoota lamaa, ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ciinca'aaf dhiyeesse; kennaan Naatinaa'elii ilma Soogaarii kana.

24Guyyaa sadeesso'oo Eliyaabii ilma Keeloonii ka bulchaa ijoollee Zaabiloonii Rabbii dhiyeesse

25kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa,

26keree tokko ka birrii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame, ciincaa ciincawuuf

27jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,

28korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif

29sangoota lamaa ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan Rabbii dhiyeesse; kennaan ilmi Keeloonii Eeliyaab Rabbii dhiyeesse kanniin.

30Guyyaa arfeesso'oo ilma Saadiyoorii Eelsuur ka bulchaa ijoollee Roobeeliititu Rabbii dhiyeesse.

31Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birri irraa hojjatame ka saqilii torbaatamatti bikkamu,

32keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka bikkituun isaa saqilii kudhanii,

33mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciinca'uuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,

34ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee,

35sangoota lamaa ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo shan, ilmi Saadiyoorii Eelsuur kennaan inni Rabbii dhiyeesse kana.

36Guyyaa shaneesso'oo Salaami'eelii ilma Suursadaayii ka bulchaa ijoollee Simoonii;

37kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka madaalliin isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka madaalli isaa saqilii torbaatamaa,

38keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka madaalliin isaa saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame,

39jibicha tokko ciincaa ciincayuuf, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,

40ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,

41sangoota lamaa, ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ka woggaa tokkooti; kennaan ilmi Suursadaayii Salaami'eel Rabbii dhiyeesse kana.

42Guyyaa jaheesso'oo Alsaafii ilma Daa'u'eelii ka bulchaa ijoollee Gaadiititu kennaa dhiyeesse.

43Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka madaalliin isaa akka madaala mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame ka bikkituun isaa saqilii torbaatamaa,

44keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii,

45mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo,

46korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif,

47ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoolotaa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Daa'u'eelii Eelsaaf dhiyeesse kana.

48Guyyaa torbeesso'oo Elsaamaa ilma Amihuudii ka bulchaa ijoollee Efreemiititu kennaa dhiyeesse.

49Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka bikkituun isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birri irraa hojjatame ka madaalliin isaa saqilii torbaatamaa,

50keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame,

51ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,

52ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,

53ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'inii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ka woggaa tokkoo, kennaan ilmi Amihuudii Elsaamaan dhiyeesse kana ture.

54Guyyaa saddeetesso'oo Gamaali'eelii ilma Fiddaasuurii ka bulchaa ijoollee Minaase'eetitu kennaa dhiyeesse.

55Kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii keessaa daakuu mishaa dhaadha'aan sukkuumame, akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddoma, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa,

56keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko,

57jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokko,

58ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,

59ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Fiddaasuurii Gamaali'eel ciincaa ciincayuuf dhiyeesse kana.

60Guyyaa salgeesso'oo Abidaan ilmi Gaadiyoonii ka bulchaa ijoollee Biiniyaamiititu kennaa dhiyeesse.

61Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka bikkituun isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa,

62keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko,

63ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka wogga tokkoo,

64ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,

65ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoolotaa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo, kanniin ilmi Gaadiyoonii Abidaan kennaan inni Rabbiif dhiyeesse kana.

66Guyyaa kurneesso'oo Aki'eezarii ilma Amisaadaayii bulchaa ijoollee Daaniititu kennaa dhiyeesse.

67Kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa,

68keree tokko ka birrii irraa hojjatame, keree tokko ka saqilii torbaatamaa ka hixaanaan guuttame, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii,

69ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko,

70korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,

71ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Amisaadaayii Aki'eezar dhiyeesse kana ture.

72Guyyaa kudha tokkeesso'oo Faagi'eelii ilma Ekiraanii ka bulchaa ijoollee Aseeriititu kennaa dhiyeesse;

73kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame bikkituu mana qulqullumma'aatiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, distii birri irraa hojjatame tokko ka bikkituun isaa saqilii torbaatamaa,

74mooqqaa worqii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan tokko ka saqilii kudhanii,

75ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo,

76ciincaa cubbu'uutiif korbeessaa re'e'ee tokko,

77ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokko shan, kennaan Faagi'eel ilmi Ekiraanii dhiyeesse kanniin ture.

78Guyyaa kudha lammeesso'oo Akiree ilma Eenaanii ka bulcha ijoollee Niftaalemii

79kennaa midhaanii daakuu mishaa dhaadha'aan sukkuumame keree worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii dhibbaa fi soddomaa,

80keree worqii irraa hojjatame ka saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka hixaana saqilii kudhaniitiin guuttame,

81ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo,

82ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,

83ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan dhiyeesse.

84Gaafa hulee ciinca'aa muudan bulchoonni Israa'elii kennaan isaa hulee san woyyoomsu'uuf dhiyeessan keree birrii irraa hojjatame kudha lama, shandhee birrii irraa hojjatame kudha lama, mooqqaa birrii irraa hojjatame kudha lama,

85kereen birrii irraa hojjatame maruu saqilii dhibbaa fi soddoma; kereen maruu saqilii torbaatama; gatiin mi'a kanniin maraa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii kuma lamaa fi dhibba afur.

86Mooqqaan worqii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan kudha lammanuu bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii kudhan kudhan, worqiin mooqqa'aa maruu saqilii dhibbaa fi diddama.

87Horiin ciincaa ciincawuuf dhiyaate maruu kennaa midhaanii woliin jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa kudha lama, korbeeyyii hoolota ta woggaa tokkoo kudha lama, korbeeyyiin re'iinii ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatellee kudha lama,

88horiin ciincaa fayyumma'aatiif dhiyaate sangoota diddamii afur, korbeeyyii hoola'aa jahaatama, korbeeyyii re'iinii jahaatama, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo jahaatama haga huleen ciinca'aa muudameen maayessa kennaan woyyoomsu'uuf kenname kanniin.

89Muuseen hennaa Rabbiin woliin dubbatu'uuf gara daasee wol gayi'ii seene qadaada saanduuqaa ka Araaraa gubba'aa kiruubeelii jiddu'uun laagaan isaa hennaa dubbatu dhagaya'aa ture; innillee woliin qaaqe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help