1Dubbii waan Misiriitiif dubbatame;
Kunoo Rabbi duumessa ariifataa irra taa'ee;
gara Misirii dhufa;
waaqoleen tolfamaan Misirii isa afo'otti hollatan;
onneen worra Misirii isaan keessatti baxxi.
2«Worra Misirii Misiritti kaasa;
obboleessi obboleessatti;
hiriyyaan hiriyya'atti;
qachaan qacha'atti;
mootummaan mootumma'aan wol woraana.
3Onneen worra Misirii hin hatamti;
karoora isaaniillee duwwaa taasisa;
isaan waaqolee tolfama'aa fi worra ekeraa waamu;
worra ekeraa waamuu fi mortuu;
gorsa gaafata.
4Worra Misirii dabarsee;
irree Gooftaa gar jabeessaatitti isaan kenna;
mootii sodaachisa'atu isaan bulcha» jedha Rabbi Gooftaan abnii maraa.
5Galaanni abbaayii hin dhidhata;
bisaan hanqata'aa deema.
6Jallisiin hin ajaaya;
fincaawwan Misirii hin dhidhatan; hin badan;
dhallaadduunii fi beeleen hin quuran.
7Akkasuma daangaa abbaayiititti;
biqiltuun qarqara yaa'a lagaa jiran;
hin quuran;
wonti daangaa abbaayiititti facaafame maruu;
qilleensaan fudhatama; womaa hin hafan.
8Worri qurxummii qaban hin gaddan;
worri laga abbaayii irra siiboo darbatan maruu;
hin booyan;
worri bisaan irra woshaadoo ufii darbatan maruu;
hunni isaanii hin hadooda.
9Worri fuuttaa baasuu fi
worri quuncee talba'aa irraa uffata dhayu;
abdii kutatan.
10Worri uffata dhayu hin gaddan;
worri mindaa argatullee garaa keessa yaaddayan.
11Worri Xaanewoosiin bulchan gowwa'a;
gorsi ogeeyyii Fari'oonii duwwa'a;
Fari'ooniin, «Ogeeyyii keessaa tokko ana;
duuka bu'aa mootota duriiti»
attamitti jettaniin?
12Ogeeyyiin keessan amma eessa jiran?
Rabbi Gooftaan banii maraa;
waan biyya Misiriititti yaade;
mee isinitti haa mudhisanii; isinitti haa beessisanille'ee;
13Bulchoonni Xaanewoosii gowwoomaniiru;
muudamtoonni Meemfiisiillee sobamaniiran;
banii keessaa worri ijoon Misiriin dogoggorsaniiran.
14Rabbi hafuura hadoochu isaanitti jisseera;
akkuma machaayaan haqqee ufii irra maru;
Misiriinillee waan gootu maraan akka gatantartu godhan.
15Mataa ta'ee'e eegee'e;
haafa meexxi'ii taa'ee'e dhallaadduu;
wonti Misirii godhan tokkollee hin jiru.
Raaga Waan Biyya Misiriitiif Dubbatame16Hennaan baniin biyya Misirii sodaatanii akka dubarti'ii ta'an hin dhufa; hennaa Waandhi banii maraa isaan adabu'uuf hunna ufii mudhisu sodaatanii hollatan.
17Baniin biyya Yihuuda'aa banii biyya Misirii naasisan; wonti kun ta'uuf Rabbi Waandhi banii maraa akka isaan adabu waan beekaniif.
18Hennaa san biyya Misirii keessatti qachoota shanii ka afaan biyya Kana'aaniitiin dubbatan worra maqaa Rabbii Waaqa Israa'eliitiin kakatan ta'an qachoota kanniin keessaa qachaan takka «Qachaa badi'ii» jedhamtee waamamti.
19Hennaa san biyya Misirii keessatti hulee ciincaa Rabbii itti dhiyeessan hojjatan daangaa biyya Misiriitittillee utubaa dhaga'aa ka malkata raga'aa dhaaban.
20Kun Rabbii Gooftaa banii maraatii fi biyya Misirii jiddu'utti raga'aa fi malkata ta'a; isaan sababaa worri isaan rakkisu waan isaan miidhaniif Rabbitti iyyatan; innillee qorichaa fi hunna isaanii ta'ee isaan oolcha.
21Hennaa san Rabbi biyya Misirii maraa keessatti hin beekkama; worri Misiriillee isa beekan, ciinca'aa fi kennaa gara garaatiin isa waaqeffatan; Rabbii woreega galanii waan woreega galan san raawwatan.
22Rabbi biyya Misirii hin adaba; garuu deebisee isaan fayyisa; isaanillee gara isaa deebi'an, innillee kadhaa isaanii dhagayee isaan oolcha.
23Hennaa san biyya Misiriitii fi Asooriin jidduu karaa badhaa gudda'atu baya; baniin biyya lamaan kanniinii biyyi tokko gara biyya tokkoo lufa; waaqeffannaan biyya lamaaniituu tokko ta'a.
24Hennaa san baniin Israa'elii biyya Misiriitii fi biyya Asooriitii sadeessoo ta'anii laakkayaman;
25Rabbi Gooftaan banii maraa «Baniin kiyya Misiri; Asoori hujii harka kiyyaa, ristiin kiyya Israa'el haa eebbifamu» jedhee isaan eebbisa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.