Raajii Isaayyaasii 29 - Kitaaba Woyyuu

Yerusaalemii Qachaa Daawitiitii Hobbaasi

1Qachattii Daawiti itti quphate;

Aari'eel Aari'eel si hobbaasi!

woggaa wogga irratti eda'i;

ayyaana kee ka wogga'aallee ayyanteeffadhu.

2Ani garuu Aari'eeliin hin marsa;

hin bootti; bade jetti;

akka hulee ciinca'aa naa taati.

3Ani naannaya keetitti quphadha;

dallayaan si marsa;

dhagaa qarsa'aa ka marsaniin ijaaree si hucuuca.

4Gad buuta; lafa jalaa dubbatta;

dubbiin kee daaraa keessaa hudhussa'aa baya;

sagaleen kee akka sagalee ekera'aatitti ol baya;

dubbiin kee awwaara keessaa sokossa.

5Diintonni tee heddu isaanii garuu

akka dhukke'ee;

gar jabeeyyiin baay'eenillee

akka buraa qilleensaan qulqullaayuu ta'an;

dimmaa uduu hin yaanne;

6Rabbiin Gooftaa banii maraa

gigissa'aan; sagalee gudda'aa fi raafama lafaatiin

haboonbolatti'ii fi dambalii gudda'aan;

arraba ibiddaa ka sirima nama nyaatuun dhufa.

7Baniin hedduu ka worra Yihuudota hin taanee maruu;

ka Aari'eeliin woraanan;

worri isi'ii fi maandhee isi'iititti balaa buusanii marsan;

akka eebju'uu;

akka manaaba halkan arganii ta'a.

8Akka nama beelaye ka eebju'uun nyaata'aa bulee;

garuu yoo dammaqu beelli isa hin dhiifnee;

akka nama dheebotee ka eebju'uun dhuga'aa bulee;

garuu yoo dammaqu ka dheebuun isa irraa hin bannee

baniin Yihuudota hin taane;

ka Tsiyooniin woraanan maruu;

akkanuma ta'an.

Adabbii Sababaa Ajaja Rabbii Didaniif Dhufu

9Bararraaqaa'a; maalalfadhaa'a;

jaamaa'a; haga dhumaa jaama'aa

hafaa'a;

daadhii woyini'iitiin hin ta'in malee machaayaa'a;

dhuddoo nama macheessuun hin ta'in malee gatantaraa'a.

10Rabbi hirriba guddaa isinitti buuseera;

raattota teessan ija qabe;

worra manaaba argan sammuu isaanii cufe.

11Hiikkaan mudhata raagaa ka isin argitan maruu isin jalaa dhokatee akka kitaaba cufamee isinitti ta'eera; gara nama kitaaba dubbisee danda'uu bira fiddanii yoma «Nuu dubbisi» jettanii isa gaafattanillee «Waan cufameef isinii dubbisee hin danda'u» isiniin jedha.

12Akkasuma kitaaba san gara nama dubbisuu hin dandeenne bira fiddanii «Nuu dubbisi» yoo jettaniin «Ani dubbisee hin danda'u» isiniin jedha.

13Gooftaan akkana jedha;

«Baniin kun afaanumaan gara kiyya dhiyaata;

afaanumaan na kabajja;

garaan isaa garuu ka na irraa fagaate;

ka na waaqeffatullee

seera namaa ka namni isa barsiiseen

calla'aan.

14Kanaafuu banii kana maalalee irratti maalalee godha'aa

deebi'ee isa maalalchiisa;

ogummaan ogeeyyi'ii hin bada;

hubannaan worra waa hubatuu hin bada. Abdii Uf Afo'oo

15Worra yaada ufii Rabbiin jalaa dhossu'uuf;

gara boolla gad fago'oo bu'an;

worra hujii ufii dukkana keessatti raawwatan;

«Eentu nu arga? eentu nutti beeka?» worra jedhu

hobbaasi!

16Isin waa gara gaggalchitan;

nama faara dhayu akka faaraatitti laaltan;

sirima, faarri ka isa hojjatuun;

«Inni na hin hojjanne» jedhaanii?

ka faara dhayuun

«Inni womaa hin beeku» jedhaanii?

17Libaanosi qonnatti jijjiiramu'uuf;

lafti lalisaan gara bosonaatitti jijjiiramu'uuf

hennaan diqqoon hin hafneenii?

18Hennaa san duudaan

dubbii kitaaba marama'aa san hin dhagaya;

worri gurra duude dubbii kitaabaa dhagayan;

worri ijji hin argine

hurri'ii fi dukkanti gad dhiifteenii argan.

19Worri kasoon Rabbitti;

hiyyeeyyiinillee deebi'anii;

woyyicha Israa'eliitiin usheexxan.

20Gar jabeeyyiin akka waan hin jirree ta'an;

worri shaqqaadu bittinnaayanii badan;

worri hammeennaaf riphan maruu hin badan.

21Worri woyiin nama yakkamaa taasisan;

worri himatamaa jala siiboo diriirsan;

worri ragaa sobaatiin haqa qulqullootaa saaman

hin citan.

22Kanaafuu Rabbiin Abrahaamiin fure;

mana Yaaqoobiitiin akkana jedha,

«Yaaqoob ammaa achi hin saalfatu;

fuulli isaa ammaa achi hin jijjiiramu.

23Worri isaan jiddu'utti hujii harka kiyyaa ta'an;

yoo ijoollee ufii laalan

maqaa kiyya woyyoomsan;

woyyicha Yaaqoobii woyyummaa isaa beekan;

Waaqa Israa'elii afoo soda'aan dhaabatan.

24Worri hafuuraan dogoggoran hin hubatan;

worri guguungumanillee gorsa fudhatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help