1Halee luyaa!
samiiwwan gubba'aa Rabbiin galatoonfadhaa'a.
2Maleekkonni maruu galatoonfadhaa'a;
uumamni samii irra jirtan maruu galatoonfadhaa'a.
3adu'uu fi urjiin galatoonfadhaa'a;
Addeessinii fi ifni maruu galatoonfadhaa'a.
4Samiin samootaa galatoonfadhaa'a;
bisaan lafa irra jirtanillee galatoonfadhaa'a.
5Martinuu maqaa Waaqaa haa galatoonfatanii!
inni isaan ajaje isaanillee hin uumaman.
6Ajaja bara haga bara baraaf hin darbineen
isaan dhaabe.
7Bineensonni galaana qilee keessaa
lafa irraa Rabbiin galatoonfadhaa'a.
8Ibiddinii fi baradaan, qorrinii fi duumessi
qilleensi ajaja isaa raawwattan
Rabbiin galatoonfadhaa'a;
9Munni daraaraa birbirsaa maruu
gaarranii fi gooddi maruu
10Horiinii fi bineensonni maruu
wontoonni munyuuqan allaattiin bararan maruu
Rabbiin galatoonfadhaa'a.
11Mootonni biyya lafaatii fi baniin maruu
bulchoonninii fi worri lafa irratti murtii kennitan maruu Rabbiin galatoonfadhaa'a.
12Dargaggeeyyiinii fi durbi,
jaarsonninii fi ijoolleen,
13Maqaa Rabbii galatoonfadhaa'a;
maqaan isaa ufumatti waan kabajjameeruuf;
ulfinni isaa ardi'ii fi sami'ii ol.
maruu maqaa Rabbii haa galatoonfatanii.
14Inni worra amanamaa dhiyoo jiran garboota ufii Israa'eliin
hin kabajja;
worra galataa isaan taasise;
Halee luyaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.