1Achiin maayessa namichi sun gara bayima itti bayan ka diidaa na fidee gara mana dhaga'aan ka hulee duwwa'aa fi kutaawwan kolba gara kaabaatiin jiruu na geesse.
2Dheerinni ijaarsa manaa ka gara kaabaatiin jiru ciqilee dhibbaa yoo ta'u dalgi isaa ciqilee shantama.
3Bayima itti bayan ka keessaa ciqilee diddamaa lufanii kutaawwan bayima itti bayan ka afame ka diidaa kolba wol laaluun kutaawwan gamoo irraa gara gamo'oo ol guddata'aa deemanii gamoo sadihii ta'aniiran.
4Kutaawwan afoo gara keessaatiin hulee wol bira lufan ka dalgi isaa ciqilee kudhaniitii fi ka dheerinni isaa ciqilee dhibbaatitu jira; huleen seenaniin kolba gara kaabaatiin jira.
5Kutaawwan gamoo sadeesso'oo kutaawwan gamoo lammeesso'ootii fi kutaawwan lafaa caalaa dhipha'a; kunillee akkuma gamoowwan ol gugurdata'aa deemaniin waan afoon balbalaa badhata'aa deemanii kutaawwan dhiphisaniif.
6Isaan gamoo sadihiin ijaaramanii akka mana dhaga'aan ijaarame ka bayima itti bayan ka diidaa utubaawwan hin qaban; kanaafuu kutaawwan gamoo gubba'aa, kutaawwan gamoo lammeesso'ootii fi kutaawwan mana lafa irraa caalaa gara keessaa ol siiqan.
7Kolba kutaawwan dheerinni isaa ciqilee shantamaa gara bayima itti bayan ka diidaa afoo mana dhaga'aan ijaarame tokkotu jira.
8Kutaawwan kolba bayima itti bayan afoo jiran dheerinni isaanii ka ciqilee shantamaa qaban yoo ta'u kutaawwan kolba mana woyyu'uu jiran ammo dheerinna ciqilee dhibbaa qaban.
9Kutaawwan gamoo jalaa kolba gara baya biiftu'uutiin bayima itti bayan ka keessaatiin hulee ittiin seenan qaban.
10Kolba gara kibbbaatiin garuu ladda dheerinna ijaarsa bayima itti bayanii hulee duwwa'aa fi gamoo afoo kutaawwantu jira.
11Kutaawwan afoo hulee wol bira lufaniintu jira; kutaawwan sunniin akkuma kutaawwan kolba gara kaabaatiin jiranii dheerinni, dalgi, kortoon ittiin ol bayanii fi akkaataan balballan isaanii wol fakkaata.
12Kanaafuu balballan kutaawwan kolba gara kibbbaatiin jiranii ka ittiin seenaniin gara kolba hulee ittiin wol bira lufan ka gara cinaa baya biiftu'uu gara dhumaatiin jiruutiin.
13Namichi sun akkana naan jedhe, «kutaawwan hulee duwwaa afoo gara kaabaatii fi gara kibbaatiin jiran ka woyyooman; sababaan woyyoomaniif waan hulee gadoonni gara Rabbii dhiyaatan midhaan woyyoome itti nyaataniif; huleen sunniin waan woyyuu ta'aniif kennaa midhaanii, kennaa waan cubbu'uutii fi ciincaa waan yakkaatiif dhiyaatu keessa kaayan.
14Gadoonni gara hulee woyyoomee san dhaqanii uffata ittiin tajaajilan haga uffataniin maayessa uffata tajaajilaniin san uduu hin mulqanne gara bayima itti bayan ka diidaa hin bayan; uffanni sunniin waan woyyoomaniiraniif hulee woyyuu sanii bayanii gara hulee bani'ii eeyyamamee uduu hin geenne uffata biraa uffachuu isaan barbaachisa.»
Haga Hulee Manni Woyyu'uu Itti Ijaarame15Namichi sun kutaawwan mana woyyu'uu ka keessaa haga bikkee raawwateen maayessa gara balbala dallawa baya biiftu'uutiin gad na baase; achiin maayessa inni naannaya diidaa bikke.
16Ulee waa ittiin bikkan fudhatee kolba gara baya biiftu'uu yoo bikku ciqilee dhibba shan.
17Achiin maayessa gara kaabaatiinillee hennaa bikku ciqilee dhibba shan.
18Ka Gara kibbaa yoo bikku ciqilee dhibba shan.
19Gara dhiya adu'uutiinillee hennaa bikku ciqilee dhibba shan ta'e;
20ijaarsi mana woyyu'uu fi bakka duwwaa gar gar fooyu dheerinni isaa ciqilee dhibba shan; dalgi isaallee ciqilee dhibba shan ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.