1Baroota Ooziyaan, Iyyo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas Yihuudaa irratti yeroo adda addaatittii mooyan; akkasuma bara Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooye dubbiin raagaa ka Rabbi Hosee ilma Bi'eeriititti mudhise kana.
2Rabbi karaa Hose'eetiin hennaa banii Israa'eliititti dubbii ufii himuu jalqabu Rabbi Hose'een «Baniin kiyya na irraa fooyamee hujii seebaraa badaa hojjata'ara; eeganaa ati deemii intala seebartu fuudhii isii irraa ijoollee seebaraa uumadhu» jedheen.
3Kanaafuu Hoseen deemee Goomeerii intala Dibilaayimii fuudhe; isiin ulfooftee ilma deetteef.
4Achiin maayessa Rabbi Hose'een, «Ani sababaa Iyyu'uu fi fiixaan isaa namoota Iyiziraa'eliin keessatti ajjeesaniitiif maatii Iyyu'uu adabu'uuf hin turu; mootummaan Israa'eliillee akka badu godha. keessatti lola Israa'elii hin balleessa; kanaafuu maqaa ilma keetii, Iyiziraa'el jedhii waami» jedheen.
6Goomeer hennaa lammeesso'ootiif ulfooftee intala deette; Rabbi Hose'een «Ani armaan maayessa banii Israa'eliititti jaalala kiyya hin mudhisu; isaanii hin araaramu; kanaafuu maqaa mucattii teetii Loruhaamaa jedhii maqaa moggaasi.
7Ani banii Yihuuda'aatitti ammo jaalala kiyya mudhisa; ani Rabbi Waandhi isaanii isaan oolcha; ka isaan oolchuun hunna lolaatiinii miti; guraadee, buundhe'ee fi eboo yookaan fardaa fi worra fardaan lolaniinii miti» jedheen.
8Goomeer haga Loruhaamaa harma guufteen maayessa deebitee ulfooftee ilma deette.
9Rabbi Hose'een «Armaan maayii baniin Israa'elii kiyyaa miti; ani Waaqa isaaniitii miti; kanaafuu maqaa ilma keetii Lo'aamii jedhii maqaa moggaasi» jedheen.
Dubbii Abdi'ii Ka Banii Israa'eliititti Dubbatame10Baay'inni banii Israa'elii akka shasharee qarqara galaanaa ka laakkayamuu yookaan bikkamuu hin dandeenneeti; amma Rabbi «Isin banii kiyyaa miti» uduu isaaniin jedhelle'ee hulema kanatti ijoollee Rabbii jiraata'aa! jedhamanii hennaan waamaman hin dhufa; jiraatan; guyyaan Iyiziraa'elii guddaa ta'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.