Kitaaba Faaru'uu 121 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Eeddoo KeennaFaaruu moote'ee;

1Ija tiyya gara gaarranii ol kaase;

ka na gargaaru eessaa haa dhufu?

2Gargaaraan kiyya Rabbii ardi'ii fi samii uume biraa naa dhufa.

3Ka si eegu jabaa waan ta'eef

akka ati tittimtu si hin dhiisu.

4Ka Israa'eliin eegu hin rafu

hin mugulle'e.

5Rabbi si eega;

Rabbi harka kee ka mirgaa biraan si golga.

6Aduun guyya'aan si hin gubdu;

jiinillee halkaniin si hin miidhu.

7Rabbi hamaa maraa jalaa si eega;

lubbuu teellee hin eega.

8Adha irraa jalqabee baraa haga bara baraa

Rabbi bayaa fi gala kee hin eega.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help