Seera Keessa Deebii 10 - Kitaaba Woyyuu

Muuseen Deebi'ee Ajaja kudhanii Fudhate(Ser. Ba'u. 34:1-10)

1Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Gabateewwan dhagaa baxxe'ee lamaan ka akka duraa ka waa itti barreessan bocii gara kiyya gara gaaraa ol bayi saanduuqa waada'aa muka irraa ufiif hojjadhu;

2jechoota gabateewwan dhagaa baxxe'ee ka duraa ka ati cabsite sanniin irra jiran dhagaa barreeffamaaf bocame kanniin irratti barreessi saanduuqa waada'aa keessa keettaa»

3«Kanaaf anillee muka ajo'oo irraa saanduuqa waada'aa hojjadhe dhagaawwan baxxee lamaa ka akka dhagaawwan baxxee duraa ka waa itti barreessan lama bocee isaan lamaanuu harkatti qabadhee gara gaaraa ol baye.

4Guyyaa wol gayi'ii Rabbi gaara irratti ibidda keessaan ta'ee jechoota kudhanii ka Rabbi isinitti hime kama dura barreeffame san dhagaawwan bocame baxxee sanniin irratti barreessee dhagaawwan sanniin natti kenne;

5deebi'ee gaara irraa bu'ee ani gabateewwan dhagaa ka bocame san saanduuqa waada'aa ka hojjadhe keessa kaaye; akkuma Rabbi na ajaje barreeffamni kunniin saanduuqa waada'aa keessa jiraatan.

6Ijoolleen Israa'elii Bineeyaayiqaanii Bi'eerootiitii gara biyya Mooseera'aa deeman; Aaroon achitti du'ee awwaalame; bikka isaa ilma isaa El'aazaaritu gadicha ta'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help