1 Qor. 2ffaa 5:14-15; Rom. 6:6-7 Eegasuu ammaa achi bara jireenna keessanii ka lafa irraa akka hawwii foonii uduu hin ta'in akka fedhii Rabbiititti jiraadhaa'a.
2Isinillee akkasuma akka nama mi'a woraanaa hidhateetitti yaada kanaan jabaadhaa'a. Namni rakkinni irra gaye nafa ufiitiin cubbuu hojjachuu dhiiseera.
3Efe. 2:2-3; Tit. 3:3 Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol hoossu'uuf, hawwiin foonii machaayuu'u, sirbuu, akka malee dhuguu'u, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa waaqeffatuun barri akkasii sun isin gaya.
4Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan.
5Xim. 2ffaa 4:1 Isaan ammo waan godhan kanaaf Rabbii worra jiranii fi worra du'etti murteessu'uuf qophaaye afo'otti deebii kennan.
6Sababaan worra du'etti Dubbii Nagayaa himameef kanuma. Kunillee fooniin akka namaatitti isaanitti murama. Ayyaanaan ammo akka Rabbi jaalatutti jiraatan.
7Qor. 1ffaa 10:11; Yoh. 1ffaa 2:18 Haa ta'uu ammo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a; uf qabaa'a.
81:22; Mam. 10:12; Yaq. 5:20 Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.
9Ibr. 13:2 Guungummii tokko malee wol keessummeessaa'a.
10Akka tooyataa amanama'aa ka kennaa Rabbii ka adda addaa hujii irra oolchuu tokkootitti isin maruu kennaa Rabbiin irraa argattan kanaan wol tajaajilaa'a.
11Rom. 12:7; Phex. 1ffaa 5:11 Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin.
Rakkoo Obsuu'u12 1:6-7; Yaq. 1:12 Goshoota tiyya! Rakkinni isin jiddu'utti akka ibiddaa isin qoru'uuf ta'aaru, akka waan rakkinninii fi ajaa'ibni woyii isinitti dhufeetitti hin maalalfatinaa'a.
13Rom. 8:17; Yaq. 1:2 Hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan ammo guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.
142:20; Mat. 5:10-11; Hu. Er. 5:41 Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame.
15Isin keessaa nama ajjeesu'uun, hatu'uun, nama irratti waan hamaa hojjachu'uun, waan isa hin galchine keessa galee hin rakkatin.
16Hu. Er. 11:26; Filph. 1:20 Kiristaana ta'uu isaatiin yoo rakkoon isa irra gaye ammo Rabbiin haa galatoonfatuu malee hin saalfatin.
17 Erm. 25:29; His. 9:6; Tas. 2ffaa 1:8 Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nu irraa jalqabu ta'e, worri Dubbii Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumti isaanii attam ta'inna?
18 Mam. 11:31 Kitaabni woyyuun,
«Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e,
dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?»
19 Far. 31:5; Luq. 23:46 Kanaafuu akka fedhii Rabbiititti worri rakkinni irra gayu waan mishaa hojjata'aa lubbuu isaanii Rabbii amanama'atti yaboo haa kennatanii.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.