Kitaaba Mammaakaa 16 - Kitaaba Woyyuu

1Karoorri gara'aa ka namaati;

ka deebii kennu garuu Rabbi.

2Namaaf karaan maruu qulqulluu fakkaata;

ka'umsa yaadaa garuu Rabbitu madaala.

3Waan gootu maraa Rabbitti yaboo kenni;

karoorri kee maruu sii milkaayaa.

4Rabbi waa maraa kaayoo ufiitiif hojjateera;

hammeeyyimaa guyyaa badi'iitiif qopheesseera.

5Rabbi worra gara'aan boonan maraa hin ceem'a;

akka isaan adabbii malee hin hafne beeki.

6Jaalalaa fi amanamumma'aan cubbuun dhiifama;

namni Rabbiin sodaachu'uun hamaa irraa fagaata.

7Adeemsi namaa yoo Rabbiin gammachiise;

diintota isaatuu akka isa woliin nagayaan jiraatan taasisa.

8Wonti diqqoon balchummaa woliinii;

bu'aa guddaa dabaan argamu caala.

9Namni garaa ufiititti keessatti karoora baafata;

Rabbi garuu karoora isaa san hin murteessaaf.

10Arrabni mooti'ii akka Waaqaa dubbata;

afaan isaa haqa hin dabsu.

11Madaalli dhuga'aatii fi bikkituun haqaa ka Rabbiiti;

safartuun qaraciitii keessaa maruu hujii harka isaati.

12Waan hamaa hojjachuun moototaa ceem'a'a;

waan teessoon qajeellumma'aan jabaatee dhaabatuuf.

13Mootonni arraba amanama'atti gammadan;

nama dhugaa dubbatu hin jaalatan.

14Lolli mooti'ii akka ergamaa du'aati;

namni ogeessi garuu lola isaa qabbaneessa.

15Fuulli mooti'ii yoo ifu jireennatu jira;

mishummaan isaa akka duumessa rooba badheessaati.

16Worqii caalaa ogummaa argachuun;

meetii caalaa hubannaa filatuun akkam caala!

17Karaan qajeellotaa ka hammeenna irraa fagaate;

ka deemsa ufii eeggatu jireenna ufii eeggata.

18Uf jajuun badii,

kooruun kufaatii firrifti.

19Hafuura gad uf qabu'uutiin worra gad qabaman woliin ta'uun;

worra boonu woliin boojuu qoodamuu caala.

20Namni gora dhagayu hin lalisa;

namni Rabbiin abdatu eebbifama'a.

21Worri gara'aan ogeeyyii ta'an hubattoota jedhaman;

jechoonni nama gammachiisan beekkumsa gabbisan.

22Nama ogummaa horii ufii godhatee burqaa jireennaati;

gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fiddi.

23Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha;

arrabni isaa beekkumsa gabbisa.

24Dubbiin nama gammachiisu akka nadhii dammaati;

lubbu'uu mi'a'a;

lafe'eefillee fayya'a.

25Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira;

dhumti isaa garuu gara du'aa geessa.

26Hojjattoota fedhiin nyaataa guyya'atti akka jabaatee hojjatu taasisa;

beellillee irraa bada.

27Namni hamaan hamtuu dhaya;

dubbiin isaallee akka ibidda nama gubuuti.

28Namni dabaan lola facaasa;

hamattichi jaalalloota wolitti dhiyaatan gara gara baasa.

29Namni hamaan hiriyyaa ufii hawata;

gara karaa mishaa hin taanee qajeelchaan.

30Namni ijaan nama dhawu micciirama dhaya;

namni hidhii ciniinnatu gara dharaa daba.

31Arriin gulloo ulfinnaati;

jireenna balchumma'aatiin argama.

32Namni obsu loltuu'u,

ka si'a ufii ittisu ka qachaa hunnaan qabee bulchu caala.

33Fedha Rabbii beeku'uuf hixaa buufatan;

murtii maraa ka kennu garuu Rabbi.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help