1Banii kiyya! barumsa kiyya dhagayi;
gurra keellee gara dubbii kiyyaa qabadhu.
2Mammaakaan afaan baqaffadha;
hibboo dur tureen dubbadha.
3Kana ka dhageennee fi ka beenne;
waan abboonni teenna nutti himaniin.
4Nullee ijoollee isaanii jalaa hin dhossinu;
galata Rabbii;
hunna isaatii fi maalalee inni hojjate;
dhala dhufutti hin himna.
5Yaaqoobii seera hundeesse;
Israa'elittillee seera dhaabe;
akka ijoollee ufii barsiisan;
abboota teenna ajaje.
6Kanallee akka dhalli dhufu beekuuf;
isaanillee koree ufiititti ijoollee ufii;
worra durana dhalatutti akka himaniif.
7Isaan Rabbiin abdatan;
hujii Rabbiillee hin irraanfatan;
ajaja isaallee hin eegan.
8Isaan ammo akka abboota isaanii;
morkattootaa fi worra dhibu;
worra garaan isaanii hin qajeelle;
dhala Hafuurri isaanii Rabbiin hin abdanne
hin ta'an.
9Ijoolleen Efreemii worra buundhee hidhatan;
yoo ta'anuu gaafa lolaa duubatti dacha'an.
10Waadaa Rabbii hin eenne;
akkaataa seeraatitti deemuu didan.
11Hujii inni hojjate;
maalalee inni mudhisellee hin irraanfatan.
12Uduu abboonni isaanii ijaan argan;
Biyya Misiriititti; biyya Xaanewoosiititti;
maalalee godhe.
13Galaana addaan qoodee isaan ceesise;
bisaanillee akka tuula'aatitti ol dhaabe.
14Guyyaa duumessaan isaan masakke;
halkan guutuullee ifa ibiddaatiin.
15Lafa gammoojji'iititti dhagaa baqasse;
bisaan akka galaanaa baay'ate
isaan obaase.
16Dhagaa qarsa'aa keessaa burqaa burqisiise;
bisaan akka lagaatitti yaase.
17Isaan ammo lafa gammoojji'ii keessatti;
Rabbii maraa olii didan
Rabbiin yakkuu hin dhiifne.
18Nyaata guddisanii hawwan gaafachu'uun;
Rabbiin garaa ufii keessatti qoran.
19Akkana jedhanii Rabbitti dubbatan;
«Rabbi gammoojjii keessatti
nyaata qopheessuu danda'aa?
20Inni dhagaa dhoofnaan bisaan dhangala'e;
fincaayaanillee hin lola'an;
eeganaa buddeenallee kennuu hin danda'aa?
foon hoo bani'ii dhiyeessuu danda'aa?»
21Rabbi hennaa kana dhagaye
guddisee lole;
Yaaqoobiin irratti ibiddatu bobaye;
Israa'elitti hin dheekkame.
22Rabbitti waan hin amanneef,
fayyisuu isaallee hin abdanne.
23Inni ammo duumessa olii ajaje;
balballan sami'iillee hin bane.
24Akka nyaataniif Mannaa isaanii roobse;
nyaata sami'ii isaanii kenne.
25Namoonni buddeena maleekkotaa nyaatan;
nyaatanii haga isaan irraa hafutti
nyaata isaanii erge.
26Qilleensa baya biiftu'uu samii irraa kaase;
qilleensa kibbaallee hunna ufiitiin fide.
27Foon akka biyye'eetitti;
allaattiiwwan bararan akka shasharee galaana keessaatitti
isaanii roobse.
28Qe'ee isaanii keessa;
naannaya daasee isaaniititti isanii harcaase.
29Isaanillee haga quufanitti nyaatan;
waan isaan hawwan waan isaanii kenneef.
30Garuu uduu hawwa ufii dheebuu hin baane;
uduu nyaanni afaan isaanii keessa jiru;
31Dheekkamsi Rabbii isaan irra dhufe;
worra isaanii keessaa jajjaba'a ufiin jedhan ajjeese;
ijoollee Israa'elii ta akka abaabo'oollee hin qoome.
32Kun maruu ta'ee yakka ufii hin dhiifne;
hujiiwwan isaa ka maalale'eellee hin amanne.
33Kanaaf baroota ufii duwwamatti;
umurii isaaniillee naasu'uun fixe.
34Hennaa inni isaan ajjeese hin barbaadaniin;
fedha garaa ufiitiin gara Rabbii deebi'an.
35Rabbi goda isaanii ka dhaga'aa;
Waandhi maraa olii furaa isaanii akka ta'e qaabatan.
36Afaan ufiitiin ammo isa soban;
arraba ufiitiin kijiba itti himan.
37Garaan isaanii isaan hin jabaanne;
waadaa isaatiifillee amanamtoota hin turre.
38Inni ammo ka araaramaa waan ta'eef,
yakka isaanii isaaniif dhiise;
isaan hin balleessine;
hennaa hedduu dheekkamsa uf dhoogge;
balaa ufii maraa hin buufne.
39Inni qilleensa bayee hin deebine;
nama foonii ta'uu isaanii yaadate.
40Hennaa meeqa gammoojjii keessatti isa dhiban!
lafa onaatittillee hagam isa gaddisiisan!
41Dededdeebi'anii Rabbiin qoran;
woyyicha Israa'elii hin dheekkamsiisan.
42Isaan irree isaa;
ka inni diina jalaa isaan baaseen hin yaadanne.
43Malkata maalale'ee ka inni Misiritti godhe;
hujii baasaa ka gammoojjii Zoo'aanii keessatti mudhise
hin yaadanne.
44Laggiin isaanii dhiigatti jijjiire;
fincaayaa ufiillee dhuguu hin dandeenne.
45Duula tiisisaa isaanitti gad dhiise;
isaanillee isaan iddan;
raacha isaanitti erge; isaanillee namoota balleessan.
46Midhaan isaanii awwaannisaaf;
sanyii isaaniillee korophiisaa kenne.
47Biqiltuu woyinii isaanii barada'aan;
muka hurbu'uu isaaniillee qorraan balleesse.
48Loowwan isaanii barada'aan;
gobbuu loowwan isaaniillee ibidda bakakka'aatii kenne.
49Dheekkamsa ufii jabaa isaanitti erge;
dheekkamsa ufii; lola ufii ka hinaaffa'aatii fi
balaa ufii isaanitti erge;
duula maleekka'aa ka balleessu
isaanitti erge.
50Dheekkamsa ufiitiif karaa qopheesse;
lubbuu isaanii du'a hin oolchine;
jireenna isaanii ammo bala'aaf dabarsee kenne.
51Worra jalqaba hunna isaanii ta'an daasee Kaamiititti;
hangaffan isaanii maraa biyya Misiriititti fixe.
52Banii ufii ammo akka hoola'aatitti isaan baase;
lafa onaatitti akka gobbu'uutitti isaan masakke.
53Nagayaan isaan masakke;
isaanillee hin sodaanne;
diintota isaanii ammo galaanatu liqimse.
54Gara gaara woyyuu harki isaa argamsiiftee kana;
gara biyya woyyitti'ii isaan galche.
55Banii isaan afo'oo ari'e;
lafa isaanii ristii godhee isaanii qoode;
gosa Israa'elii mana diintota isaanii keessa jiraachise.
56Isaan ammo Waaqa qoran;
Waaqa maraa olii dhiban.
57Deebi'anii akkuma abboota isaanii gantoota ta'an;
akka buundhee daddabaa hin amansiifne ta'an.
58Hulee isaanii ka itti sagadan ka tulloota gubba'aatitti
isa dheekkamsiisan;
waaqolee tolfamaa isaanii ka bocameen isa hinaafsisan.
59Rabbi hennaa kana dhagaye guddisee dheekkame;
Israa'eliin sirima dhiise.
60Daasee namoota jidduu dhaabe;
hulee bulti'ii ta Sheelo'oo hin dhiise.
61Malkata hunnaa akka booji'amu taasise;
ulfinnallee dabarsee diinaa kenne.
62Banii dabarsee guraade'eef kenne;
banii ufiititti guddisee dallane.
63Manguddoo isaanii ibiddatu nyaate;
durba isaaniitii sirbi cidhaa hin sirbamne.
64Gadoonni isaanii guraade'een ajjeefaman;
haati hiyyeessa ta isaanii boowuu dadhaban.
65Gooftaan akka waan hirribaa dammaquutitti ka'e;
akka janna machiin irraa badeetitti ol jedhe.
66Diintota ufii dhayee uf duuba deebise;
salphinna bara baraa isaanitti uwwise.
67Daasee Yooseefii hin dhiise;
Gosa Efreemiillee hin filanne.
68Gosa Yihuuda'aa ammo;
gaara Tsiyoonii ta jaalate hin filate.
69Mana ufii woyyuu akka ol gubbaa gudda'aatitti;
akka lafa baraa haga bara baraa hundeesseetitti ijaare.
70Garbicha ufii Daawitiin filate;
gooruu hoolotaa keessaa isa fuudhe.
71Yaaqoobii banii ufiitii;
Israa'eliitii ristii isaatiif akka tissee ta'u;
tika hoolota hoosifattuu keessaa isa fide.
72Inni garaa qajeela'aan isaan tisse;
harka ogumma'aatiin isaan masakke.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.