Kitaaba Mammaakaa 21 - Kitaaba Woyyuu

1Garaan mooti'ii Rabbiin harka jira;

inni akka bisaan boyii keessaa

gara ufii fedhe isa masakka.

2Namatti karaan inni deemu maruu qajeelaa itti fakkaata;

Rabbi garuu yaada namaa madaala.

3Ciincaa caalaa balchumma'aa fi haqa raawwachuun;

Rabbiin biratti fudhatama qaba.

4Uf jajuun; garaan boonu;

hujiin hammeeyyi'iillee cubbu'u.

5Karoorri nama jabaatee hojjatuu gara bu'a'aa qajeelcha;

jarjarri gara hiyyumma'aa nama geessa.

6Qabeenni arraba soba dubbatuun argame;

akka aara bittinnaayee baduutii fi

akka siiboo du'aaf geessuuti.

7Hammeeyyii diddaa isaaniititu isaan haxaaya;

waan qajeelaa godhuu waan hin jaalanneef.

8Karaan yakkama'aa micciirama'a;

amalli nama qulqullu'uu garuu qajeela'a.

9Haadha manaa nyakkiftuu woliin mana tokko keessa jiraatu'uu mannaa;

ginnoo manaa irra ol bayanii qaccee irra jiraachuu woyya.

10Namni hamaan jabeessee hammeenna hawwa;

hiriyyaan isaa isa biraa gara laafummaa hin argatu.

11Namni baldu yoo adabamu;

wollaalaan ogummaa bu'aa buufata;

ogeessi yoo barate beekkumsa argata.

12Balchaan mana hammeeyyi'ii xiinxallee laala;

hammeeyyii hin balleessa.

13Namni iyya hiyyeeyyi'ii dhagayuu didu'uuf yoo gurra cufate;

innillee hin iyya; deebiillee hin argatu.

14Kennaan dhossa'aa kennan aarii qabbaneessa;

gabbarsuun dhossa'aan harka keessa kaayan aarii guddaa qabbaneessa.

15Handhi yoo lafa qabate qajeelaa gammachiisa;

worra hammeenna hojjatan garuu hin shibbireessa.

16Namni karaa qajeelaa dogoggoru;

gumii worra du'anii keessa bu'a.

17Namni qananii jaalatu hin hiyyooma;

namni daadhii woyini'iitii fi

dhadhaa jaalatu hin duroomu.

18Namni hamaan qajeela'aaf

namni hin amanamne farra nama qajeela'aa ta'a.

19Haadha manaa nyakkiftu'uu fi ta loltu woliin jiraachu'uu mannaa;

gammoojji'ii keessa jiraachuu woyya.

20Mana nama ogeessaa keessa nyaataa fi

dhadhaa filatama'atu kuufamee argama;

namni gowwaan garuu waan qabuu fi waan hin qabnellee manaa haxaaya.

21Namni balchumma'aa fi jaalala hordofu,

jireenna, durumma'aa fi ulfinna argata.

22Ogeessi dallaya qachaa worra jajjaba'aa cabsee seena;

maandhee isaan hedatanillee hin diiga.

23Namni afaanii fi arraba ufii tooyatu,

balaa irraa uf eega.

24Namni uf jajuu fi boonu «Baldaa» jedhama;

inni kooraan guuttameera.

25Hirri'aa hawwi'itu ajjeesa;

waan harki isaa hujii jibbuuf.

26Namni hamaan guyyaa guutuu luquna;

balchaan garuu uduu womaa hin hambifne kenna.

27Ciincaan nama hama'aa ceem'isiisa'a;

yoo karoora hama'aan dhiyeesse hagam jibbisiisa!

28Ragaan sobaa hin bada;

ka dhugaa dubbatu garuu jabaatee jiraata.

29Namni hamaan ugga hin taaneen dhiyaata;

namni qajeelaan garuu waan godhu hubata.

30Ogummaan, hubannaanii fi karoorri;

Rabbiin dhoogguu danda'an hin jiru.

31Fardi guyyaa lolaatiif qophaaya;

mooyachuun garuu Rabbiin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help