Raajii Zakkaariyaasii 7 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Sooma Dhuga'aan Hin Soomne Hin Fudhatu

1Daariyoos mooyee woggaa arfeesso'oo jiini salgeesso'oo ka Kisluu jedhamu seenee guyyaa arfeesso'ootitti dubbiin Rabbi Zakkaariyaasitti dubbate kana.

2Worra Beeteeliin keessa jiraatan Saari'etseenii fi Reegemeelekiin namoota isaan woliin jiran woliin gara mana woyyummaa Rabbii isaan ergan; wonti isaan erganiifillee akka eebbi Rabbii bu'u akka kadhataniif.

3Gadoota mana woyyumma'aatii fi raattota, nu'u haga ammaa waan woggaa hedduuf goone ji'a shaneesso'oo keessa waan diiggama mana woyyu'uu sooma'aa; gadda'aa turruu?» jedha'aa akka gaafataniif ture.

4Achiin maayessa dubbiin Rabbii ka gara kiyya dhufe kana;

5Banii biyya maraatii fi gadootaa Isin wonti woggoota torbaatamaa ka lufe ji'a shaneesso'ootii fi ji'a torbeesso'oo keessa sooma'aa gadditaniif na kabajju'uufii?

6Isin hennaa waa nyaattanii fi waa dhuddan ufuma calla'aafii mitii?» isaaniin jedhi.

7Yerusaalem hennaa duroomtee baniin isi'ii baay'atu bara gandiin naannaya qachatti'ii jiranitti callaa uduu hin taane hennaa baniin hedduu kutaa gara kibbaatii fi ladda tulloota gara dhiya adu'uu jala jiraatan keessa dubbiin Rabbi raattota duriitiin dubbate kanuma.

Sababaan Baqataniif Waan Ajajamuu Didaniif

8Rabbi Zakkaariyaasitti akkana jedhee dubbate

9«Ajanyi ani Rabbi Waandhi banii maraa kenne kana, Isin dhuga'aan murteessaa'a; maruu wolii araaramaa'a; garaa wolii laafaa'a.

10Dubartoota abbaa worraa hin qabne, worra isinitti galanii jiraatanii fi worra rakkatanii isin keessa jiraatan hin hucuucinaa'a; wol miidhu'uuf hin yaadinaa'a.

11Isaan garuu kana dhagawuu didanii morkatan; dhagawuu didu'uuf gurra ufii cufatan.

12Isaan garaa ufii akka dhagaa qarsa'aatitti jabeeffatan; seera ani Waandhi banii maraa raattota duriitii Hafuura kiyyaan isaanii kenne maraa morkatanii dhagawuu didan; kanaafuu ani Waandhi banii maraa dheekkamsa kiyya jabaa isaanitti buuse.

13Ani hennaa isaanitti dubbadhu, ‹hin caqafnu› waan jedhaniif hennaa isaan na kadhatan deebii isaanii hin deebifne jedha Waandhi banii maraa.

14Ani akka haboonbolatti'ii haree isaan fuudhee biyya ormaa ka isaan hin beenne keessa akka jiraatan isaan taasisa; biyyi michuun tun ona eennullee keessa hin jiraanne taatee hafte; biyyi bareedduun sunillee ona taate» jedhee itti dubbate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help