1Mootichi Hisqiyaas haga Rabbii amanamumma'aan hojjateen maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem qachaa biyya Yihuuda'aa keessa seenee akka mooyatu beekee qachoota dallawa itti ijaaran marse.
2Mootichi Hisqiyaas akka mootiin biyya Asoorii Sanaakireem Yerusaalemiin lolu'uuf dhufe haga arge,
3burqaa bisaanii ka qacha'aan ala jiru akka cufaniif bulchoota ufiitii fi worra jajjaboota woliin mari'ate; isaanillee isa gargaaran.
4Namoonni Hisqiyaasii baay'een wol gayanii «Mootonni biyya Asoorii maaf bisaan asii woraabbatan?» jedhanii burqaa bisaaniitii fi burqaa yaa'u maraa cufan.
5Mootichi Hisqiyaas dallawa ijaaree ka ijaare san irrattillee hulee irra taa'anii eegan hojjatee dallawa san duubaanillee dallawa biraa ijaaree akka qachattiin hin tuqamne godhe; ammallee dallawa Yerusaalemiin irraa gara biyya biiftu'uutittin argamu ijaaree haarawoomsee woraana hedduu fi wonteellee hojjate.
6Bulchoota woraanaa banii irratti baallii kenneefii hulee itti gad bayan ka balbala qachatti'iititti isaan maraa wolitti qabee
7«Jabaadhaa'a; worra onnee guutu'uu ta'aa'a; ka nu woliin jiru ka isaan woliin jiru waan caaluuf mooticha biyya Asooriitii fi loltoota isa woliin jiranillee hin sodaatinaa'a; hin nayinalle'e.
8Hunni isa woliin jiru hunna fooniiti; ka nu woliin jiru garuu Rabbii Waaqa keenna ka nuu loluu fi ka nu gargaaru» jedhee isaan jajjabeesse; baniin maruu dubbii mooticha Hisqiyaasii biyya Yihuuda'aatiin jajjabaatan.
9Kanaan maayessa mootichi biyya Asoorii Sanaakireem hennaa loltoota ufii maraa woliin Laakisoon jiru garboota ufii gara biyya Yerusaalemii gara Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aatii fi worra Yihuuda'aa ka Yerusaalemiin keessa jiraataniin
10«Mootiin biyya Asoorii Sanaakireem isin eennuun hedattanii kushee Yerusaalemii keessa jiraattan?
11Rabbi Waandhi keenna mootii biyya Asoorii jalaa nu oolcha jedha'aa beelaa fi dheebu'uun akka dhumtan ka isin sossobu mootii Hisqiyaasii mii?
12‹Hulee ciinca'aa tokkotti sagadaa'a; isuma irrattillee hixaana aarsaa'a› jedha'aa biyya Yihuuda'aatii fi biyya Yerusaalemii ajajee hulee itti sagadan ka gaarraniitii fi hulee ciincaa irratti dhiyeessan ka diige Hisqiyaasii mii?
13Anii fi abboonni tiyya waan orma maraa irratti goone hin beennee? waaqolee tolfamaa ka worra ormaa keessaa tokkollee ka banii ufii oolche hin jiraa?
14waaqolee tolfamaa abbootiin teenna balleessan ka isin oolchuu danda'e, ka abbootiin keessan balleessan waaqolee tolfamaa worra ormaa keessaa ka isin oolchuu danda'e eennu?
15Amma Hisqiyaas akkanatti isin sobee isin hin dhamaasin; isin isa hin amaninaa'a; waaqoleen tolfamaan worra moototaatii fi ka ormaa maruu banii ufii harka kiyyaa fi harka abboota kiyyaa irraa ka oolchuu danda'e hin jiru; eeganaa waandhi keessan tolfamaan harka kiyya irraa attamitti isin oolchuu danda'a?»
16Worri baallii qaban ka biyya Asoorii Rabbi Waaqaa fi garbicha isaa Hisqiyaasiin irratti dubbii hamaa waan kana caalu dubbatan.
17Akkasuma xalayaa «Rabbii Waaqa Israa'elii arrabsu'uuf, isa irrattillee waan hamaa dubbachu'uuf waandhi tolfamaan worra ormaa banii ufii na jalaa baasuu akka hin dandeenne waandhi mooticha Hisqiyaasiillee banii ufii ana jalaa baasuu hin danda'u» jedhu isaanii barreesse.
18Worri baallii qaban ka biyya Asoorii namoota biyya Yerusaalemii ka dallawa irra taa'anii eeganiin afaan Ibraayisxiitiin laagaa dhageessisan; sababaan waan kana godhaniif banii naasisanii, abdii kutachiisanii qachattii karaa salpha'aan qabuu yaadaniiti.
19Akkuma waaqa tolfamaa harka namaatiin hojjatame irratti ka'an san Waaqa Yerusaalemii irrattillee dubbata'aa turan.
20Kanaan maayessa Hisqiyaasii fi ilmi Amootsii Isaayyaas raattichi Rabbiin kadhate; akka inni isaan gargaaruuf jabeessanii kadhatan.
21Rabbi maleekkaa ufii akka bulchoota baallii qaban jajjaba'aa fi bulchoota mootii biyya Asoorii balleessuuf erge; mootichi biyya Asoorii salphatee gara biyya ufii deebi'e; hennaa inni gara mana waaqa ufii seene ijoolleen inni uumate achitti guraade'een isa ajjeesan.
22Akkaataa kanaan Rabbi mooticha Hisqiyaasii fi banii biyya Yerusaalemii keessa jiraatan Sanaakireemii mootii biyya Asoorii jalaa isaan oolchee lola naannoo isaanii jiru maraa irraa hara isaan baafachiisee ollaa ufii woliin akka nagayaan jiraatan godhe.
23Waan kanniin maraan maayessa namoonni hedduu kennaa Rabbiif kennan qabatanii gara Yerusaalemii dhufan; Hisqiyaasii mootii biyya Yihuuda'aatiifillee kennaa kennan; hennaa san irraa jalqabee baniin maruu guddisanii isa kabajjan.
Hisqiyaas Waan Rabbiin Galattoonfachuu Dhabeef Komatame(Mot. 2ffaa 20:1-3; Isa. 38:1-3; 39:1-8)24Hennaa san mootichi Hisqiyaas dhibamee du'uu geennaan Rabbiin kadhatee Rabbi akka isa fayyisu malkata fayyumma'aa kenneef.
25Hisqiyaas garuu waan guddisee booneef waan mishaa Rabbi godheef galata Waaqaa barbaachisu hin kennineef; sababaa kanaaf isa, banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii irra rakkoon guddaan gaye.
26Garuu Hisqiyaasii fi baniin Yerusaalemii dhuma irratti gara laafumma'aan waan gad uf deebisaniif Rabbi haga guyyaa Hisqiyaas du'aan ardii kana irraa deemeetitti banii hin adabne.
Durumma'aa Fi Jabeenna Hisqiyaasii27Mootichi Hisqiyaas qabeenna gudda'aa fi ulfinna guddaa qaba ture; mana meesha'aa ka birri'ii fi worqii, mi'a gatii gudda'aa, urgooftuu, ka wonte'ee fi mi'a kabajjamaa keessa kaayu hojjatee fixe.
28Mana midhaan, dhadhaan ejersaatii fi daadhiin woyini'ii keessa taa'u, gooruu horiin adda addaa keessa buluu fi tika hori'iitiifillee moonaa ijaare.
29Rabbi waan qabeenna guddaa isaa kenneef qachoota hojjatee hoolota, re'iinii fi horii hedduu itti galche.
30Hisqiyaas burqaa bisaanii ka Giyoonii ka gara gubba'aatiin jiru ittisee bisaan gara dhiya adu'uutiin gara qachaa Daawitii akka lola'u godhe; wonti Hisqiyaas hojjachu'uuf karoorfate maruu hin ta'eef.
31Garuu ergamtoonni Baabiloonii ka abboota murti'ii hennaa baasa biyya isaatitti hojjatame isa gaafachu'uuf gara biyya isaa ergaman Rabbi waan onnee Hisqiyaasii keessa jiru qoree beeku'uuf itti cadhise.
Dhuma Bara Bulchiinsa Mooticha Hisqiyaasii(Mot. 2ffaa 20:20-21)32Wonti mootichi Hisqiyaas hojjate arjummaan isaa kitaaba mootota Israa'elii, kitaaba Isaayyaasiitii fi kitaaba Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
33Mootichi Hisqiyaas du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwalame; worri Yihuuda'aatii fi worri Yerusaalemiin keessa jiraatan maruu seera awwaalaa kabajjaa gudda'aan raawwataniif; bikka isaa ilma isaa Minaase'etu mooye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.