Seera Laakkobsaa 29 - Kitaaba Woyyuu

Ciincaa Ayyaana Jijjiirama Wogga'aa Irratti Ciincessan(Ser. Lew. 23:23-25)

1«Ji'a torbeesso'oo guyyaa jalqabaa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa xurumbaa itti afuuftan waan ta'eef hujii maraa hin hojjatinaa'a;

2Ciincaan urgaawaan isin Rabbii dhiyeessitan jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo.

3Kennaa midhaaniitiif garuu daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, jibicha tokkoo fi korbeessa hoola'aatiif daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa,

4korbeeyyii hoola'aa torbaniif ammo daakuu iifii tokkoo dhiyeessitan.

5Akka araaraaf isinii ta'u ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee dhiyeessitan.

6Jalqaba ji'aa ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii, kennaa hennaa maraa dhiyaatu, kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala akka seera isaaniitiin kennaa urgaawaa ibiddaan Rabbii dhiyaatan.

Ciincaa Gaafa Dhiifamsa Cubbu'uu Ciincessan(Ser. Lew. 23:26-32)

7«Kanaan maayessa ji'a torbeesso'oo guyyaa kurneesso'ootitti wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; guyyaa san womaa hin nyaatinaa'a; hujii maraa hin hojjatinaa'a.

8Ciincaan urgaawaan isin Rabbii dhiyeessitan jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa torba ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne.

9Kennaa midhaaniitiif daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame jibicha tokkoo fi daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii korbeeyyii hoola'aatiif,

10daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame harka kudhan keessaa lama, korbeeyyii hoola'aa lama.

11Korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu dhiyeessaa'a; ciincaan araaraa ka waan cubbu'uutiif dhiyaatu kun ciincaa hennaa maraa dhiyaatu; ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaata.Ciincaa Hennaa Ayyaana Daase'ee Ciincessan(Ser. Lew. 23:33-44)

12«Ji'a torbeesso'oo guyyaa kudha shaneesso'oo wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a; guyyaa torbaa Rabbiin ayyaanteffadhaa'a.

13Ciincaan ciincayu ka isin Rabbii dhiyeessitan jiboolee kudha sadihii, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa kudha afur ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo.

14Kennaa midhaaniitiif daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii; korbeeyyii hoola'aa lamaaf,

15Korbeeyyii maraafuu daakuu iifii tokko dhiyeessitan;

16Korbeessa re'e'ee tokko ka waan cubbu'uutiif ciincawuu dhiyeessitan ciincaan dhiyeessitan kun ciincaa hennaa maraa dhiyaatu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaata.

17«Guyyaa lammeesso'oo mirgoolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyi hoola'aa ta mudaa hin qabne kudha afur ta woggaa tokkoo,

18Kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ka mirgoole'eetii fi ka korbeeyyii hoolotaa, ilmoolee korbeeyyii hoolotaa akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti

19ciincaa waan cubbu'uutiifillee korbeessa re'e'ee dhiyeessitan; kennaan kun kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ka hennaa maraa dhiyaatuun ala ka dhiyaatu.

20«Guyyaa sadeesso'oo mirgoolee kudha tokko, korbeeyyii hoolotaa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur,

21ciincaan kennaa midhaanii ka isin mirgoole'eef korbeeyyii hoolotaa ta mudaa hin qabneef dhiyeessitan akka laakkobsa isaaniitiin akkuma seeraatitti dhiyeessitan.

22Korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyeessaa'a.

23«Guyyaa arfeesso'oo mirgoolee kudhanii, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur, ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin dhiyeessitan.

24Mirgoole'ee fi korbeeyyii hoolotaallee haguma laakkobsa isaaniitiin akka seeraatitti

25korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif ciincaa midhaanii ka hennaa maraa ciincawuun alatti dhiyeessitan.

26«Guyyaa shaneesso'oo mirgoolee sagal, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur,

27Ciincaan midhaanii ka mirgoole'ee, korbeeyyii hoola'aatii fi korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkootiif dhiyeessitan akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti

28Korbeessa re'e'ee tokko ka ciincaa cubbu'uutiif ciincawu kennaa midhaanii ka hennaa maraa dhiyaatu ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin alatti dhiyeessitan.

29«Guyyaa jaheesso'oo mirgoolee saddeetii, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur,

30Ciincaan kennaa midhaanii ka mirgoole'eef korbeeyyii hoolotaa ka korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin dhiyaatu akka seeraatitti,

31Korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa hennaa maraa ciincawu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin alatti dhiyeessitan.

32«Guyyaa torbeesso'oo mirgoolee torbaa, korbeeyyii hoola'aa lama, korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kudha afur,

33kennaa midhaanii, ka mirgoole'ee, korbeeyyii hoola'aatiif korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabneef dhiyeessitan akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti

34korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiif ciincawuun alatti dhiyeessitan.

35Guyyaan saddeetesso'oo wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a.

36Akka ciincaa urgaawaa Rabbii ta'u ciincaa ibidda irratti ciincawu mirgoo tokko korbeessa hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo torba dhiyeessitan.

37Kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ka isin mirgoolee'e, korbeessa hoola'aa tokkoo fi korbeeyyii hoola'aa ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo akka laakkobsa isaaniitii fi akka seeraatitti dhiyeessitan.

38Ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhiyeessitan; ciincaan kun ciincaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin alatti dhiyaatu.

39«Kennaan kunniin hennaa silatii qabdaniif kennaa fedha keessaniin fiddaniin alatti kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganii ciincaa fayyinnaa keessan hennaa ayyaanteffattan Rabbii dhiyeessaa'a.»

40Muuseenillee ijoollee Israa'elii waan Rabbi isa ajaje maraa isaanitti hime.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help