Raajii Isaayyaasii 59 - Kitaaba Woyyuu

Raattichi Cubbuu Bani'ii Balaaleffate

1Rabbi nama fayyisu'uu fi

kadhaa namaa dhagayuu hin dadhabu.

2Cubbuun keessan isinii fi

Rabbiin jidduu waan golgeef

cubbuun keessan waan Rabbiin irraa isin fooyeef

kadhaan keessan isinii hin dhagayamu.

3Harki keessan dhiigaan,

qubni keessanillee yakkaan battaayeera;

afaan keessan soba dubbate;

arrabni keessan cubbuu dubbate.

4Eennullee yoo nama himatu

waan dhuga'aa qabatee hin dhufu;

gara mana murti'iillee yoo dhaqe

amanamaa ta'ee hin dhiyaatu;

isaan himannaa sobaa qabatanii dhara dubbatan;

dhara yaadan, dhara hojjatan.

5Isaan kallee bofaa ammatan,

isaan haada daarabaaftu'uu fooyan;

namni kallee sanniin nyaatu hin du'a;

kallee san keessaa buuti'itu baya.

6Fooyaan daarabaaftu'uu uffata dhayu'uuf hin ta'u;

eennullee uffata hin godhatu;

hujiin isaanii hujii hama'a;

harka ufiitiin yakka hojjatan.

7Isaan gara hujii hama'aa fiigan;

dhiiga nama qulqullu'uu jissu'uuf jarjaran;

yaanni isaanii yaada hama'a;

hulee gayan marattuu hujiin isaanii waa diigu'uu fi

waa balleessu'u;

8Isaan karaa nagayaa hin beekan;

hujiin isaanii haqa hin qabu;

jireenna dabaa waan jiraataniif namni akkasitti jiraatu

nagaya hin argatu.

Baniin Cubbuu Ufii Himate

9Baniin akkana jedhan,

«Handhi nu irraa fagaate;

qajeellummaan nu bira hin jiru;

akka ifti nuu ifu barbaanna;

garuu wonti maruu dukkana;

kanaafuu nu dukkana jaamaa keessa jiraata'aarra.

10Dukkana keessa malaan deemna;

akka waan dimimmisa keessa deema'aarruutitti

guyya'aan gufanna;

nu worra jajjabaa biratti akka nama du'eeti.

11Nu maruu akka doobba'aa yuusa'aa

akka handari'ii booya'aa gunguma'aa

haqaa fi fayyaa argachu'uuf eegganna;

isaan garuu waan nu irraa fagaataniif hin argaman.

12«Yakki keenna si afo'otti guddaa akka ta'e

cubbuun nu irra jiru kunuu hin raga;

nu hennaa maraa hin yakkina;

yakka keennallee hin beenna.

13Amantii Rabbiin irraa qabnu dhiifnee isa waakkanneerra;

Waaqa keenna dhiifnee gara duubaa dachaaneerra;

onnee keenna keessatti soba qabannee maqaa namaa balleessu'uu fi

gantumma'aan ifa baafneerra.

14Gumii bani'ii keessaa dhugaan waan dhabamee fi

amanamummaanillee waan dhabameef handhi hin jiru;

balchummaanillee dhabameera.

15Dhugaan baddeerti;

worri hujii hamaa irraa deebi'u

worra kolfaa ta'aniiran;

Rabbi akka dhugaan hin jirre argee gaddeera.

16Namni rakkattoota gargaaru dhabamnaan maalale;

kanaafuu isaan fayyisu'uuf

hunna ufiitiin akka isaan mootee argatan godhe.

17Inni balchummaa akka meeshaa woraanaa

ka qomatti uffatanii,

fayyummaa akka gulloo sibiilaa ka mata'atti godhatanii,

worra yakka hojjatan haluu bawuu akka uffataatitti uffata;

aariin inni akka kaabba'aatitti uffatullee worra waan hamaa hojjataniif.

18Mormitoota lolee diintota ufiitii fi

worra daangaa lafaa irra jiraatan haluu bayu'uun

isaan adaba.

19Inni akka lolaa bubbeen oofa'aa dhufuu waan ta'eef

baniin gara dhiyaatiin jiranii fi

baniin gara baya biiftu'uutiin jiran

ulfinna maqaa Rabbii sodaatan.»

20Rabbi banii ufiitiin akkana jedha,

«Tsiyoonii fi worra aagii galanii

cubbuu irraa deebi'aniillee fayyisaan hin dhufa.»

21Rabbi akkana jedha,

«Waadaan ani isaan woliin galu

Hafuurri kiyya ka ammaa jalqabee

haga bara baraa isin woliin jiru

dubbii kiyya ka afaan keessan keessa kaaye

ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisaa'a.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help