1Saamu'eel haga jaare ijoollee ufii lamaan akka mana Israa'elii bulchan muudee ture;
2Maqaan ilma isaa ka hangafaa Iyyu'eel; ka maandha'aa Abiyya'a; isaan Beersaabeehitti banii bulcha'aa turan;
3garuu ijoolleen isaa amala mishaa akka abba'aa hin qaban; waan hamaa hojjachuu jalqaban gabbarsuu nama irraa fudhata'aa dhara murteessan.
4Kanaan maayessa jaarsonni worra Israa'elii maruu wol gayanii gara Saamu'eelii dhufanii,
5«Ati jaarteertaa ijoolleen tee karaa keetiin hin deemnee amma akkuma worra Yihuudota hin taane maraa mootii nu bulchu nuu moosisi» jedhaniin.Kes. Deb. 17:14
6Hennaa mootii nuu moosisi isaan jedhan jechi sun Saamu'eeliin waan gaddisiiseef Rabbiin kadhate;
7Rabbillee Saamu'eeliin «Akka ani isaan irratti mootii hin taane na tuffatan malee si hin tuffannee waan baniin siin jedhe maraa isaanii dhagayi.
8Hennaa biyya Misiriitii isaan baase irraa haga adhaa na dhiisanii waaqa tolfamaa waan waaqeffataniif akkuma hujii badaa hojjatan san si irrattillee waan badaa hojjatan.
9Ammallee waan isaan siin jedhan dhagayi; garuu waan dhuga'aa isaanitti himi waan mootichi isaaniin jedhullee isaanitti himi» jedheen.
10Saamu'eel dubbii Rabbii maraa banii mootii barbaadetti hime.
11«Seerri mootiin mooyu isin irratti hojjatu kana; ijoollee teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa maraa fuudhee worra gaarii oofaniif faradoo masakkan isaan taasisa.
12Ajajaa loltuu kumaatii fi ajajaa loltuu dhibbaa isaan taasisa; worra qonna qotu, worra midhaan haamuu fi worra meeshaa sibiilaa ka gaari'ii hojjatu ta'an.
13Ijoollee teessan ta intalaa fuudhee worra urgoo hojjatu, worra ittoo hojjatuu fi worra dhoqqee haru isaan taasisa.
14Midhaan mishaa maasa'aatii fi ka woyini'ii keessan fuudhee hojjattoota ufiitii kenna.
15Kurneessoo midhaaniitii fi ka woyini'ii keessan keessaa fuudhee worra isaa hojjatanii fi worra isa mari'achiisanii kenna.
16Hojjattoota teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa, horii keessanii fi harriin teessan mimmichuu fudhatee hojjachiifata.
17Kurneessoo hoolotaatii fi re'iin teessaniillee hin fudhata; isinillee garboota isaa taatan.
18Hennaa san waan mooticha filattaniitiif hin iyyattan; gaafas Rabbi isinii hin dhagayu»
19Baniin garuu waan Saamu'eel isaanitti hime maraa woyittuu hin laakkofne; hin ta'u! mootii nuu moosis jedhaniin.
20«Nullee akkuma banii kaawwanii mootiin nuu haa moosifamuu; inni nu bulcha; afoo keenna bayee nuu lola» isaan jedhan.
21Saamu'eel waan baniin jedheen dhagayee Rabbitti hime.
22Rabbi Saamu'eelii fi jecha isaanii dhagayee «Mootii isaanii moosisi» jedheen; achiin maayessa Saamu'eel banii Israa'eliitiin, «Marti keessanuu gara qachaa keessanii deebi'aa'a» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.