Kitaaba Mootota ka 2ffaa 1 - Kitaaba Woyyuu

Eeliyaasii Raattichaa Fi Mootii Akaaziyaas

1Mootichi Aki'aabi haga du'een maayessa Moo'aab Israa'eliin irratti ka'e.

2Hennaa san Akaaziyaas biyya Samaariya'aatitti gamoo irra jiru irraa kufee waan madaayeef dhibamee ture; inni, «Mee akka ani dhibee kana irraa fayyuuf hin fayyine waaqa tolfamaa Aqaaroonii ka biyya Filisxeemii Bi'eelzebuuliin dhaqa'aa naa gaafadhaa'a» jedhee ergamtoota ufii erge.

3Garuu maleekkaan Rabbii Eeliyaasii raatticha gosa Teesbi'iitiin, «Ka'iitii worra dhaamsaan deeman ka worra Samaariya'aa bira dhaqiitii, ‹Isin wonti waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuuliin gaafachu'uuf deemtaniif biyya Israa'elii keessa Waandhi hin jiru jettanii waan yaaddaniifii?›

4Kanaafuu Rabbi, ‹Ati hin duuta malee hin fayyitu; siree irra ciifteertu irraallee hin kaatu siin jedheera!› jedha'aanii› jedhi» jedheen.

Kanaaf Eeliyaasillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe;

5Worri ergaman gara Akaaziyaasii deebinaan Akaaziyaas, «Maaf deebitan?» jedhee isaan gaafate.

6Isaanillee mootichaan, «Namni woyii kara'atti nutti dhufee gara mooticha isin ergee deebi'a'aatii Rabbi akkana siin jedha, ‹Wonti ati waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'elzebuuliin gaafachu'uuf dhaamsa ergiteef Israa'eliin keessatti Waandhi hin jiru jettee waan yaaddeefii? Kanaafuu ati hin duuta malee dhibee kana irraa hin fayyitu; siree irra ciifte irraallee hin kaatu!› jedha'aa itti himaa nuun jedhe» jedhaniin.

7Inni, «Namni isinitti dhufee waan kana isinitti hime kun nama attamiiti?» jedhee isaan gaafate.

8Isaanillee, «Namichi uffata rifeensa qabu uffatee mudhii ufii sabbataan hidhateera» jedhaniin; innillee «Eeliyaasii nama gosa Teesbi'iiti!» jedhe.

9Kanaan maayessa mootichi ajajaa loltoota shantamaa nama shantama woliin erge; Eeliyaas yoo san gaara gubbaa taa'eera; innillee, «Nama Rabbii, mootichi gad bu'i siin jedha'aara» jedheen.

10Eeliyaas deebisee ajajaa loltuu shantamaatiin, «Ani yoo nama Rabbii ta'ee jiraadhe ibiddi Sami'ii bu'ee si'ii fi namoota shantamaa ka si woliin jiran kanniin maraa haa fixu!» jedheen; hennama san ibiddi Sami'ii bu'ee isaa fi namoota shantamaa ka isa woliin jiran fixe.

11Deebi'ee nama biraa ajajaa loltoota shantamaa namoota shantamaa woliin isatti erge; innillee gara Eeliyaasii dhufee, «Nama Rabbii! mootichi daddafii gad bu'i siin jedha!» jedheen.

12Eeliyaasillee, «Yoo ani nama Rabbii ta'ee jiraadhe ibiddi Sami'ii bu'ee si'ii fi namoota shantamaa ka si woliin jiran kanniin maraa haa fixu!» jedheen; hennama san ibiddi Rabbii Sami'ii bu'ee isaa fi namoota shantamaa ka isa woliin jiran maraa fixe.Luq. 9:34

13Mootichi hennaa sadeesso'ootiif ajajoota shantamaa namoota shantamaa woliin erge; ka sadeesso'oo kun garuu Eeliyaasiin afo'otti jilbiiffatee, «Nama Rabbii! lubbuun tiyyaa fi lubbuun namoota shantamman kanniinii afoo keetitti ulfinna haa argattuu!

14Kunoo ibiddi Sami'ii bu'ee ajajaa loltoota shantamaa lamaa fi namoota isaan woliin jiran shantama shantama nyaate; amma garuu lubbuun tiyya afoo keetitti kabajjaa haa argattu!» jedhee isa kadhate.

15Hennaa san maleekkaan Rabbii Eeliyaasiin, «Hin sodaatinii isaan woliin gad bu'i» jedheen; innillee ka'ee isaan woliin mooticha bira dhaqe.

16Eeliyaas mootichaan, «Rabbi akkana siin jedha; ‹Waan ati waaqa tolfamaa Aqaaroonii Bi'eelzebuulin gaafachu'uuf ergamtoota ergiteef ati hin duuta malee hin haftu!› » jedheen.

17Akkuma Rabbi Eeliyaasitti dubbate Akaaziyaas hin du'e; inni mootii Israa'eliiti; waan ilma hin qabneef bikka isaa obboleessi isaa Iyyooraam mooye; wonti kun Iyyooraam ilmi Iyyoosaafixii Yihuudaa irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti ta'e.

18Wonti Akaaziyaas bara ufii bulchu hojjate galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help