1Yaa Rabbi! waan gadii ol na kaafteef;
diintonni tiyya akka natti hin gammanne waan gooteef;
ulfinna sii kenna.
2Rabbi Waaqa kiyya!
akka na gargaartu sitti iyyadhe;
atillee na fayyifte.
3Rabbii kiyya!
lubbuu tiyya asaaba keessaa baafte;
gara boollaallee akka hin buune
deebiftee jiraataa na taasifte.
4Isin woyyoonni Rabbii faarfadhaa'a;
maqaa isaa woyyuu jajaa'a!
5Inni hennaa diqqo'oof lola;
arjummaan isaa garuu baraa haga bara baraati;
halkan yoo booya'aallee bulan;
bariisaa gammachuun hin dhufa.
6Ani akka wobii qabu waan beekeef
«sirimaa hin raafamu» jedhe.
7Yaa Rabbi! gaachena keetiin gaarran kiyya jabaatan;
hennaa fuula kee na dhossite garuu
keessi kiyya hin raafame.
8Yaa Rabbi! ani si waame;
araara keellee si kadhadhe.
9Ani yoo du'ee awwaalame maal si fayyada?
biyyeen si galatoonfataa?
amanamummaa kee hoo attamitti himuu danda'a?
10Yaa Rabbi! naa dhagayi;
garaa naa laafi;
Yaa Rabbi! na gargaari.
11Ati gadda kiyya gara gammachu'uu jijjiirte;
manshitaa kiyyallee na irraa balleessite;
uffata gufufaa na irraa mulqitee gammachuu natti uwwifte.
12Eeganaa ani hin cadhisu;
faaruu galataa sii dhiyeessa;
Yaa Rabbi! Ati Waaqa kiyya;
kanaafuu baraa haga bara baraa si galatoonfadha.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.