1Guyyaa san faaruun kun
biyya Yihuuda'aatitti faarfatama;
qachaa jabduu qabna;
Waandhi keenna; dallawwan isi'iitii fi;
maandheewwan isi'ii akka oolchan taasiseera.
2Baniin balchaan;
ka amantii ufiititti jabaate;
akka seenu; balballan isi'ii banaa'a.
3Sitti waan amanatteef;
lubbuu sitti irkattu
sirima nagayaan isii eedda.
4Baraa haga bara baraa Rabbitti amanaa'a;
Rabbi Gooftaan dhagaa qarsa'aa
ka bara baraa waan ta'eef.
5Worra ol gubbaa irra jiraatan gad buusa;
qachaa ol guddattellee hin salphisa;
lafatti isii gata;
daara'aan wolitti isii maka.
6Lutti
lutti worra gad qabamanii
faana hiyyeeyyi'iitittu isii irra deema.
7Waandhana karaan balchootaa hin qajeelchita;
Ati qajeeleen;
daandii balchootaa hin qajeelchita.
8Yaa Rabbi! karaa seera keetiitiin deemu'uun;
waan si abdanneeruuf;
maqaan keetii fi gurri kee
hawwii garaa keennaati.
9Lubbuun tiyya halkaniin si yaaddi;
hafuurri kiyyallee si barbaada;
hennaa murtiin kee gara ardi'ii dhufu;
baniin adunya'aa balchummaa baratan.
10Hammeeyyiin yoma garaa laafaniifillee;
balchummaa hin baratan;
biyyuma qajeeltuu keessattuu hammeenna raawwatan;
gaachena Rabbii hin hubatan.
11Yaa Rabbi! irreen kee ol ol jedheera;
isaan garuu hin hubanne;
hinaaffaa ati banii keetii qabdu haa arganii;
haa mullanii;
ibiddi diintota keetii qophaaye isaan haa nyaatu.
12Yaa Rabbi! Ati nagaya nuu hundeessite;
waan hojjanne maraa ati nu milkeessite.
13Yaa Rabbi; Waaqa keenna!
siin gama gooftoleen biraa nu bulchaniiran;
nu garuu maqaa kee callaa kabajjina.
14Isaan du'aniiran;
ammaa achi jireenna hin qaban;
hafuurri isaanii ka'ee hin dhufu;
Ati isaan adabde; isaan balleessite;
yaadannoo isaanii maraa hin diidde.
15Yaa Rabbi; banii baay'eessite;
banii baay'eessite;
ulfinna kee godhatte;
daangaa lafaa maraa hin badhifte.
16Yaa Rabbi; hennaa hucuucaman
gara kee dhufan;
hennaa isaan xixxe
hasaassi'iin faateffatan.
17Yaa Rabbi! dubartiin ulfaa hennaa deettu;
akkuma ciniinsu'uun hucuucamtuu fi akkuma iyyitu;
nullee si afo'otti akkasuma taane.
18Hin ulfoofne; ciniinsu'uun hucuucamne;
garuu qilleensa deenne;
ardi'iifillee fayyummaa hin finne
banii adunya'aa hin deenne.
19Garuu worri kee ka du'an jiraattota ta'an;
reeffi isaaniillee hin ka'a;
isin worri biyyee keessa jiraattan;
ka'aa'a; gammachu'uun faarfadhaa'a;
fixeensi kee akka fixeensa ganamaati;
ardiin worra du'e deetti.Murte'ee Fi Hulee Booji'amanii Deebi'uu
20Banii kiyya! ka'i; gara mana keetii gali;
balbala duubaan cufadhu;
haga lolli isaa lufuuf
diqqoo dhokadhu.
21Banii ardii irra jiraatu waan cubbuu isaatiif adabu'uuf;
kunoo Rabbi hulee jiraatuu bayee dhufa;
lafti dhiiga isii irratti jige ol baafti;
ammaa achi worra ajjeefamanillee hin dhossitu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.