1Yaa Rabbi! dubbii kiyya caqasi;
worwwaata kiyyallee naa dhagayi.
2Ati Waaqa kiyyaa fi mootii kiyya!
si kadhadhaa
yabo'oo naa dhagayi.
3Yaa Rabbi! ganamaan laagaa kiyya dhageetta;
ganamaan kadhaa kiyya si afo'otti dhiyeeffadha;
cadhisee fedha kee eeggadha.
4Ati Waaqa hammeennatti gammadduu miti;
hammeenni si woliin hin jiraatu.
5Worri uf jajan si afoo dhaabatan;
ati worra waan hamaa hojjatan maraa hin jibbite.
6Worra soba dubbatan hin balleessita;
nama dhiigaatii fi worra fakkeessu Rabbi hin ceem'a.
7Ani garuu baay'inna araara keetiitiin gara mana keetii seena;
si soda'aan gara mana woyyuu keetii sagada.
8Yaa Rabbi! sababaa diintota tiyyaatiif
karaa qajeelaa na masakki;
karaa kee afoo kiyyatti naa qajeelchi.
9Qaaqa isaanii keessa dhugaan hin jiru;
garaan isaanii gooruu badi'iiti;
laagaan isaanii awwaala baname;
arraba ufiitiin hin soban.
10Waandhana! Isaanitti murteessi;
mariin isaanii kufaatii isaanii haa ta'u;
isaan waan sitti ka'aniif
baay'inna hammeenna isaaniitiif isaan balleessi.
11Garuu worri si abdatu maruu haa gammadanii;
baraa haga bara baraa gammachu'uun haa faarfatanii;
worri maqaa kee jaalatan akka sitti gammadaniif
wontee isaanii ta'i.
12Yaa Rabbi! ati balchoota hin eebbifta;
gaachena keetiinillee akka wonte'eetitti isaan daadofta.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.